Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bishaan Malee Jiraachuu Hin Dandeenyu: Barattoota Moraa Awaaroo


Yunivarsitii Amboo
Yunivarsitii Amboo

Yunivarsitii Amboo jala kan jiru moraa Awaaroo keessa barattoonni jiran Jimaata Ebla 8 bara 2016 kaasee tajaajiila bishaanii guutummaatti hin qabnu jechuun dubbatanii jiru.Kanas mormuuf Wiixata Ebla 11 bara 2016 walakeessa guyyaa hiriiranii iyyachuu isaanii fi bishaan ni argattu jedhamee bulchiinsa mooraa irraa waadaan seenameef kabajamuu didnaan Kibxata Ebla 12 bara 2016 deebi’anii hiriiruu isaanii dubbatan.

Guyyaa wixataas ta’e Kibxata yeroo hiriiran mooraa sana keessa duraanuu bufatee kan ture Polisiin Federaalaa barattoota reebuu fi Gaaza himiimaansu gargaaramuun addaan facaasuu isaa barattonni dubbatanii jiru.Knaanis barattonni midhamuu fi kaan mooraa alatti baqachuu ibsee jira.

Kibxata galgala bishaan kokolaataa botteen gara moraa Sanaa kan fidame ta’us wal hin geenye jedhu barattonni.Mooraa Awaaroo keessatti Diinii barattotaa kan ta’an Obbo Abbabaa Mangistuu magaalaa Amboo keessa rakkoon bishaanii akka ture ibsuun mooraa Awaaroo keessa garuu kaleessaa kaasee rakkoon hin jiru jedhan. Tarkaanfii poolisiin Federaalaa barattoota irratti fudhate jedhames soba jedhanii jiran.

Gabaasaa Guutuu Armaa Gadiitti Caqasaa.

Bishaan Malee Jiraachuu Hin Dandeenyu: Barattoota Moraa Awaaroo
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:37 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG