Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattootii Oromoo dhiyoo tana yuniverstii Arbaa-Minciiti qabaman ammallee ‘hidhaa jiran’


Logoo Yuniversitii Arbaa-Minciitii
Logoo Yuniversitii Arbaa-Minciitii

Akka barattootii yuniversitii Arbaa-Minciitii jedhanitti barattootii Oromoo Dilbata dabre mana nyaataa kampaasa keessa jiru duratti walti dhufanii mallattoo mormi Oromoo mullisaa rakkoolee Oromoo fi saba Itoophiyaa ka dhibiillee irra gahuutti jiraa jedhan agarsiisa himatan.

Eegii mana nyaataa(Cafe) seenanillee sunuma agarsiisaa turan.Akka baratootii jedhanitti achiin duubatti poolisii fi waraanii ijoollee tana kaan halkan saatii 7-8 jiduutti kaan ammoo guyyaa qaban.

Walumattuu akka barattooti jedhanitti nama 27 qabamee mana hidhaa magaalaa Arbaa-Minci jiraa guyyaa lamaa asitti dhaqanii dubbisuu nama dhowwan.

Barattootii kampaasa Abbaay jedhan keessaa qabaman kun barattoota barumsii isaanii waggaa lamaa oliiti.Jarii barana eebbifamulleen keessuma jiraa jedhan warrii nu achii dubbifne.

Waan barattoota tana qabaniif bulchoota yuniverstii irraallee qulqulleeffachuuf marroo hedduu itti dedeebinee argachu dadhane.

Gaabaasa sagaleetif kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG