Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonni Gaaffii Mirgaa Gaafataa Jiru


Manni marii dhimmootii islaamaa kan Itiyoophiyaa mirga barumsaaf qabnu dhiibaa jira jechuu dhaan barattonni mana barumassa Awaliyaa kan sadarkaa adda addaa mooraa mana barumsaa isaanii kan Finfinnee keessatti hiriiranii jiran.

Rakkoon tokko ituu hin jiraatin barsiisootaa fi Diiniin koleejootaa hojii irraa ari’aman akkasumas Imaamni masjiida Awaliyaa hojii irraa ari’amanii barnooti Afaan Arabaa akka cufamu taasifame jedhu baratonni.

kan kana godhus mana maree dhimmootii Islaamaa kan Itiyophiyaa ti kan jedhan baratonni moraan kun ammaan dura jaarmayaa gargaarsa Islaamaa kan sadarkaa addunyaan gaggeeffamaa akka ture fi baatii 6 as garuu manni marii dhimmootii Islaamaa kan Itiyoophiyaa akka gaggeessu dubbatu.

Gama kaaniin Godina Hadiyyaa magaalaa Hosaanaa keessatti baratonni baratanii eebbifaman bulchiinsi Godinaa carraa hojii akka kennuuf gaafachuun hiriiraniiru.

Bakka buutonni barattootaa bulchiinsa waliin marii gaaggeessaa akka turan kan ibsan barattoonni dhuma irratti garuu mariif seenanii hin deebi’in waan hafaniif mormiin keenya hammaate jedhu.

Ajajaan polisii kan Godina Hadiyyaa komaandar Addisee Fayyisaa deebii kennaniin walitti bu’iinsi akka uumamee ture ibsanii barattoota hidhamanii turaniif barumsi kennamee hikamuu isaanii dubbatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG