Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barnoota Hawaasa Bu'uura Godhate


Yunivarsitiwwan Itiyophiyaa keessa jiran 22 ilaalchisee xiinxala gaggeefameen, Yunivarsitiin Jimmaa deemsa barnootaa hawaasa naannoo waliin wal qabate kennuun akkasumas qorannaa fi qo’annaa adda addaa gaggeesuun, waggootii walitti aanan lamaaf sadarkaa tokkoffaa argachuun badhaafamee jira.

Badhaasi barana argates waancaa, waraqaa ragaa fi boondii qarshii kuma 22 fi 500 ta’uun beekamee jira.

Yunivarsitiin kun mul’anni gara fuula duraatti qabu sadarkaa biyyaatti dura bu’aa ykn hogganaa, sadarkaa Afrikaatti beekamaa akka addunyaatti immo kabajamaa ta’uu akka ta’e prezidaantiin Yunivarsitii jimmaa Dr. Fiqree Lammeessaa ibsaniiru.

Guutuummaa Gaaffii fi Deebii kanaa MP3 tuquun dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG