Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bashar al-Assad Haleellaa Keemikaalaa Raawwatame Jedhame Akkasumaan kan uumame Jedhan


Syria's President Bashar al-Assad is interviewed Feb. 10, 2017, in Syria. Thousands of Afghans from Iran are involved in the Syrian conflict, many sent against their will, Human Rights Watch reports.
Syria's President Bashar al-Assad is interviewed Feb. 10, 2017, in Syria. Thousands of Afghans from Iran are involved in the Syrian conflict, many sent against their will, Human Rights Watch reports.

Prezidaantin Siiriyaa Bashaar al-Assaad gabaasaaleen haleellaa meeshaa keemikaalaa torban darbe irratti dhiyaataa jiraatus mataa jabaachuu dhaan himannaan sun gutuummaa guutuutti kan akkasumaan uumame jedhan.

AFP waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin Assad akka jedhanitti waraanni Siiriyaa meeshaa isaa Keemikaalaa mara dabarsee kenneera jedhan.

Kan nu ajaa’ibe keessumaa US shorokeessota waliin wal ta’uu isee ti jedhan.

US haleellaa misaayilaa torban darbe maadhee qilleensaa Siirtyaamadda meeshaa keemikaalaa ti jedhamee amanamu misaayilaan haleeltee jirti.

Ameerikaan akka jettutti waraana Siiriyaatu siivilota konyaa Idlib keessaa irratti haleellaa keemikaalaa raawwachuu dhaan dubartootaa fi ijoollee dabalatee namoota hedduu ajjeese.

XS
SM
MD
LG