Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beekamtoota Dhoksaman


Taatota fiilmii 'Hidden Figures'
Taatota fiilmii 'Hidden Figures'

Jalqaba bara 1960mootaa irra dorgommiin hawaa US fi tokkummaa sooviyeet gidduu akkaan cimaa ture. Sooviyeetitti aansuu dhaan NASAn yeroo jalqabaaf gurmuu gara hawaatti ol baasuuf qopheesse jedha gabaasi

Hiriyoonni koo dubartootaa qophee dha kan jedhan dubartii lammii Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa hojii hawaa sana to’atan keessaa Dorothy Vaughn turan.

Yeroo akkaan cimaa ta’e sna keessatti egaa dubartoonni lammii Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa sadii imala NASAn gara Hawaatti geggeesse keessatti qooda ol aanaa kan qabaatan.

Kan badhaasa Oscar jedhu badhaafamte Octaviea Spencer manaajera NASA ta’uun kan hojjetan akka Dorothy Vaughan ta’uun fiilmii “Hidden Figures” ykn Beekamtoota dhoksaman jedhu irratti hirmaatte.

NASA keessatti danqaa turetu cabe. Addunyaan namoonni kun eenyaan akka ta’an beekuu dhabuun amma iyyuu hojiin hojjetamu jirachuu nu hubachiise jette Spencer.

Beekamtoota Dhoksaman
please wait
Embed

No media source currently available

0:00 0:05:24 0:00

Katherine Johnson hayyuu herregaa fi seenaa kana keessatti nama ijoo dha. Bakka Katherine ta’uun fiilmii kana kan hojjette Taraji Henson yoo taatu haadha ijoollee sadii fi nama sammuun qaraa galma kaayyatee sosso’u turan. Rakkoo jiru furuu dha kaayyoon isaanii dura.

Dorgommii cimaa isaan geggeessan kan jalqaba hawaatti ol ba’an lafa naanna’an lammii Ameerikaa

John Glenn nagaan akka hojii isaanii hojjetan gargaaran.

Haadha ijoollee lamaa dubartii Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa yeroo jalqabaaf injinera NASA ta’an Mary Jacson-n bakka bu’uun fiilmii “Hiden Figures” ykn beekamtoota dhoksaman jedhu keessatti kan hirmaatte Janelle Monae ti. Ijoollee durbaa keessumaa durboota sabxiqqaalee yeroo ammaaf ergaa qabdu dabarsitee jirti.

Hayyuu herregaa, kan Saayinsii, Injinera ta’uu dandeessa. Technooloojii keessaa qooda qabaachuu, addunyaa jijjiiruu ni dandeessa.

Qaroominni bifa gogaa ykn saalaan adda hin baasu. Hamma ati hojii hojjechuu itti fuftetti. Dhuma irratti injifannoon kan kee ti jette.

XS
SM
MD
LG