Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beelli Gaanfa Afriikaa Utuu Wal Hin Ga'in Haa Birmannu Jedhu Arjoomtoonni


Ameerikaan gargaarsi namoomaa garee shororkeessotaa kan akka al shabab harka akka hin seenne jaarmayaalee gargaarsaa irra keessee kan turte uggura hojii cimaa laafisuu ishee bulchiinsi Obama beksiisee jira.

Al Qaida waliin hidhata qaba jedhamuun toora dhaaba tika nageenyaa US irra kan kaa’ame al shabab naanolee Somalia inni to’atu keessatti kan hojjetamu hojiin gargaarsa raabsuu ulaagaalee guutuu qabu cimaatu tolfameefii ture.

Ameerikaan Waggaa bajataa kana qofaatti gargaarsa namummaaf kan oolu doolaara miliyoona 459 gumaachiteetti.

Ityioopia, Somalia, Keniya fi Jibuutii keessaa uummata miliyoona 12 ol ta’u miidhaan irra ga’uu isaa jarmoliin gargaarsaa ibsaniiru. MP3 tuquun gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG