Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antooniyoo Guteres: Uummata Somaaliyaa Balaa Beelaa irraa Oolchuuf Gargaarsa Guddaatu Barbaachisa


Antooniyoo Guteres yeroo Somaaliyaa daawwatan, Moqaadishoo, Bitootessa 7, 2017
Antooniyoo Guteres yeroo Somaaliyaa daawwatan, Moqaadishoo, Bitootessa 7, 2017

Muummichi-barreessaan ka Tokkummaa Mootummootaa – Antooniyoo Guteres, Somaaliyaa, balaa beelaa akka bara 2011, uummata kuma dhibba lamaa fi kuma jaatama irraa fixee irraa oolchuuf, gargaarsa guddaa barbaachisa – jedhan.

Kan har’a otuu hin eegamiinitti Somaaliyaa daawwatan – hoogganaan Tokkummaa Mootummootaa kun, Prezidaantii biyyattii haarawa filataman – Mohammed Abdullaahii Farmaajoo, akkasumas aangawoota Tokkummaa Mootummootaa fi Gamtaa Afrikaa biyyattii keessa jiran wajjiin walga’anii jiran.

“Somaaliyaa keessa, uummata gargaarsa nyaataa barbaadu Miliyoona ja’aa fi kuma dhibba lama tu jira. Lakkoobsi kun gara walakkaa uummata biyyattii ti” – jedhan – Guteres, magaalaa Moqdishoo keessatti, Prezidaant Farmaajoo waliin ta’uudhaan ibsa gaazzexeessotaaf kennan irratti.

Tokkummaan Mootummootaa -- gargaarsa Somaaliyaatiif, doolaara miliyoona dhibba saddeetii fi miliyoona digdamii shan kan gaafataa jiru ta’uu illee – hoogganaan Jaarmayichaa – Antooniyoo Guteres beeksisanii jiran.

XS
SM
MD
LG