Xurree ittiin seenan

Beelaa fi Dheebuu Guyyaa 15tu Nama Fixe

  • Jaallannee Gammadaa

Baqatonni Libiyaa keessa jiran haala hamaa biyyattii keessaa dheessuun karaa argame maraan gara biyya biraatti miliquuf yaaluun isaanii waanuma beekamu. Baqattoonni Oromoo 72 gurmuun ta'anii bidiruu tokko guutanii Bitootessa 25 bara 2011 Trippoolii irraa gara daangaa Tunisiyaatti imala jalqaban. Dhumni isaanii gaarii akka hin ta'in dhaabni baqattootaa UNHCR gabaasee jira.

Kan lubbuun hafuuf carrooman 9 keessaa Eliyaas Mohammed Qaadii VOA..f akka ibseetti, imala jalqabanii sa’atii 24 booda bidiruun ittiin adeemaa turan boba’a waan fixxeef jecha galaana irratti danqaman.

Guyyaa kudha shaniif haala kana keessa eega turanii booda nama 9 irraa kan hafee hunduu dhuman. Imala kana keessa ijoollee dubartonni akkasumas dubartonni ulfaa hangi tokko akka turan ibsameera.

Kanneen lubbuun hafan keessaa lama polisiin eega baraarsamanii booda du’an jedha Eliyaas.Balaan kun dhugumatti dhaqqabuu isaa jaarmayaan godaantootaa kan sadarkaa adunyaa (IOM) fi dhaabnii baqatootaa UNHCR mirkanessani jiran.Kanneen haala adda addaan ammaan dura daangaa Tunisiyaa irra ga’an garuu amma iyyuu dhimmi keenya ilaalcha hin argatin jira jedhu.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG