Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beelli Somaaliyaa Keessaa Xumuramuu Labse Tokkummaan Mootummootaa


Directorri Walii-galaa,ka Jaarmayaa Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa FAO Hoosee Graaziyaanoo Daa Silvaa eega Somaaliyaa gama Kaabaa daawwatanii deebi’anii booda, kan “oduu gammachiisaa dha” jedhan kana labsan.

Bokkaan yeroo dheeraaf eegamu roobuun, oomshini fooyya’uuniif, baatiilee jahan yeroo beelaa sanatti biramannaan gargaarsa namOomaa heddummachuu tu rakkoo sana sadarkaa beelaa irraa gad-buuse jedhu Daa Silvaan

Tahus, Jaarmayichi Tokkummaan Mootummootaa amma illee, rakkoon caamaa Somaaliyaa fi naannoolee Gaanfa Afrikaa ka biroo keessaa hedduu yaaddessaa tahuu akeekkachiisa. Akka FAO-n jedhutti -- uummatni Somaaliyaa Miliyoona lama tahu - jechuun -- walii-gala uummatichaa irraa keessaa dhibba irraa harki soddomii tokko amma illee gargaarsa hatattamaa barbaadu. Haga guyyoota dhibba fuul-dura keenyaatti, keessumaa haga bokkaan baatii Eblaa-tti gargaarsi namoomaa hin dhaqqabuuf taanaan -- haalli isaa deebi’ee hammaatee, beelichi dhufuu mala, jedhu Daa Silvaan.

Jaarmayichi Nyaataa fi Qonnaa, ka Tokkummaa Mootummootaa, FAOn, qonnaan-bultoota Somaalee-f sanyii raabsuun akkasumas sagantaa Maallaqa-Hojiif jedhuun gargaarsa kennuun akka gabaan naannoo ka gochaa jiru tahuu dubbata. Rooba dhiheenya roobe sanaan, oomishni gaariin argamuu irraa kan ka’e lammiwwan Somaaliyaa dur dheessanii mooraalee baqattootaa keessa turan amma deebi’aa jiru - jedhama.

Jaarmayaan Waa’ee Koolu-galtootaa, ka Tokkummaa Mootummootaa akka jedhutti baatii dabre jechuun Amajjii keessaa, baqattoota Somaalee kuma toobaa fi dhibba shan tahan tu mooraalee Itiyoophiyaafi Keeniyaa keessaa gad-lakkisee gara biyya isaaniitti deebi’e.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG