Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yoon Humnaan Dirqisiisame Malee Dhaddacha Duratti Hin Dhiyaadhu: Baqqalaa Garbaa


Obboo Baqqalaa Garbaa
Obboo Baqqalaa Garbaa

Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Bayyanaa Ruudaa irratti ragaa sagalee fi fakkiin waraabamee Abbaan Alangaa dhiyeeffate Korporeshiniin Broodkaasiing kan Itiyoophiyaa har’as afaan Federaalaatti hikee hin dhiyeessiin hafe.

Korporeshiniin kun ragaa kana afaan Federaalaatti jijjiree dhiyeessuuf Gazexxessoota ga’uumsa qaban dhabne jedhuus manni murtii sababaa kana fudhatama dhabsiisuun beellama ka biraa kennuun gaafasitti qopheessee akka dhiyeessuuf ajajee jira.

Abukaatonnis yaada kennaniin dhaddachii ragaa kana eeguu dhisee ragaa ammaan dura dhiyaataniin murtiin akka kennamu gaafatan.Obbo Baqqalaa Garbaa gama isaaniin dhimmi kun hagam lafa irra harkifamaa akka jiru hunduu beeka jedhanii Ibiisiin (EBC..n) qaama sadaffaa ta’uun dhimmi keenya lafa irra harkisaa jira jedhan .

Kan qabsa’aa jirruu fi qabsaa’aa turrees akkaataa hojii akkasii irratti eega jedhanii booda ammaan booda dirqiisifamee yoo ta’e malee mana murtii duratti hin dhiyaadhu jedhanii jiru.

Abukaatoo Obbo Baqqalaa faa ka ta’an obbo Abdul-Jabbaar Huseen ofii isaanii har’a mana murtii akka hin deemne waan nuu ibsaniif jecha kan achitti argamanii turan Obbo Wandimmuu Ibsaa deemsa mana murtii har’a irratti ka jedhan.

Kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Yoon Humnaan Dirqisiisame Malee Dhaddacha Duratti Hin Dhiyaadhu: Baqqalaa Garbaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:29 0:00

XS
SM
MD
LG