Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paris Nama Haleellaa raawwate adda baafte kanneen 23 ta'an to'annaa jala oolchite


Poolisii Beeljium sakatta'a geggeessuu dhaan shakkamtoota haleellaa Paaris geggeessan ennaa adamsan
Poolisii Beeljium sakatta'a geggeessuu dhaan shakkamtoota haleellaa Paaris geggeessan ennaa adamsan

Haleellaa shorokeessotaa Jimaata darbe Paaris irratti raawwatameen booda angawoonni Ferensaay guutummaa biyyattii keessaa namoota 23 to'annaa jala oolchanii jiran. Akka angawootaatti shakkamaa haleellaa lubbuu galaafate kana qindeesse adda baasanii jiran.

Lammii Beeljium hidda dhalata Morokoo kan ta'e Abdelhamid Abaaoud haleellaa namoota 129 galaafachuuf shirame sana hoogganuu mala jedhameera. Angawoonni Beeljium jalqaba waggaa kanaa haleellaa poolisiin fashale qindeesse jechuun hordofamaa ture.

Abdelhamid Abaaoud shakkamaa haleellaa paaris qindeesse
Abdelhamid Abaaoud shakkamaa haleellaa paaris qindeesse

Ferensaay keessaa minisriin dhimma biyya keessaa had sought Abaaoud earlier this year for a foiled terror attack on police.Bernard Cazeneuve har'a ganama ibsa kennaniin poolisii 170 ta'an halkan edaa magaalattii marsanii jiran. kanneen to'annaa jala oolanitti dabaluu dhaan namooni 100 ol ta'an mana akka hin baane ugguramaniiru.

Weerarri poolisiin geggeesses naannoo Toulouse, Grenoble, Jeumont, Lyon fi ganda Parisian kan Bobigny jedhamu keessatti yoo ta'u wayituma kanas rookkeetii, laawncherii, qawwee Kilaashinkoofi fi saqqiiwwan rasaasni hin seenne argamaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG