Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaan Alangaa Dhimmi Baqqalaa Garbaa faa Yakka Laalcha Cufaatin Akka Laallamu Mana Murtii Gaafate


Hoggantoota KFO mana hidhaa jiran keessaa
Hoggantoota KFO mana hidhaa jiran keessaa

Dhimmi hoggantoota Koongiresii Federaalawaa oromoo - Baqqalaa Garbaa Gurmeessaa Ayyaanoo, Dejenee Xaafaa, Addisuu Bulaalaa dabalatee himatamtoota 22 - nageenyaa wabii dhiheeffatuu eegsisuuf jecha akka yakka laalcha cufaadhan lallamuu abbaan alangaa gaafate. Abbaan alangaa gaafii barreeffaman mana murtiitii dhiheesse kana irratti heerri biyyaatti kana heeyama jedhuus, abukaatonni hidhamtootaa garuu gaafichi heera biyyattii cabsa jechuudhan morman.

Yakki tokko laaalcha cufaadhan lallamuu han geechisu hoo iccitii jireenya dhuunfaa himatamtootaa, hamilee haawaasaa fi nageenya biyyaa irratti rakkoo fide qofa jedhan abukaatonni himatamtootaa.

Dabalaniis, “himatamtoonni keenya yakka ulfaataadhaan waan himataniif ija ummataa funuratti, bakka diploomaatonnii fi gazexeesonni dhimmicha hordofuu danda’aniin akka laallamu filanna,” han jedhan abukaatonni himatamtootaa keessumattuu himatamtoonni mana murtii kana irraa amantaa akka hin qabnee waan ibsachaa turaniif gaafii abba alangaatiin akka walii hin galle ibsan.

Manni murtiis gama lachuu erga dhaggeeffatee booda murtii kennuudhaa boruu bellama qabeera.

Torbban darbe himatamtoonni shan, Galaanaa Nagaraa, Cimsaa Abdiisaa, Darejjee Margaa, Gammachuu Shaanqoo fi Magarsaa Asfaaw mana murtiitti odoo hin dhiheeffamin hafan ture. Harra garuu akkuma manni murti ajejeetti 22 isaanii dhiheesse poolisiin.

Abbaan alangaa himatamtoota digdamii lamaan irratti ji’a Eblaa bara 2015 shororkeessummaadhan himata banuun isaa hin yaadatama.

Gabaasa sagaleetii kana cuqaasaa

XS
SM
MD
LG