Xurree ittiin seenan

Breaking News

KFO: Obbo Beqqelee Garbaa fi Hoogganoonni KFO ka biroon Har’a Mana-murtiitti Dhihaatan; Olbaanaa Leellisaa Mana-hidhaa Qaallittii Keessatti Jabaa Dhukkubsataa Jira. Oromiyaa Keessatti Har’a Hidhaa fi Reebichi Hammaatee Oole


Hoggantoota KFO mana hidhaa jiran keessaa
Hoggantoota KFO mana hidhaa jiran keessaa

Kanneen galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo faa irratti himataman – hoogganoonni Koongiresa Federaalawa Oromoo fi ka biroon, walumaa-galatti, hidhamtoonni 22 mana-hidhaa Qilinxootti hidhamanii jiran, Har’a waaree booda, mana-murtii Federaalaatti dhihaatanii turan. Akka heera sirna federaalaa Itiyoophiyaatti, namni dhimma bulchiisa naannootti himatame, mana-murtii naannoo itti himatame sanaatti yakka-ilaalamuuf mirga qaba. Garuu, Obbo Beqqelee Garbaa faa dhimmi isaanii akka gara mana-murtii Oromiyaatti dabarsamuuf gaafatanii mirga sana dhorkaman, jedhu – Hoogganoonni Kongiresa Federaalawa Oromoo.

Kanneen dhaddacha sanatti argamuun, deemsa yakka-ilaalchaa sana hordofaa turan keessaa tokko – Itti-aanaa dura-taa’aa koongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Mulaatuu Gammachuu ti. Akka dhaddacha sanaa ba’anitti, telefiina harkaa isaanii irratti argadheen ture.

Gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa.

XS
SM
MD
LG