Xurree ittiin seenan

Obbo Beqqelee Garbaa fi Hoogganoonni Mormitootaa Ka Biroon Nyaata Laguu Torban Tokkoof Itti Turan Ammallee Itti Fufan

  • Namoo Daandii

Loogoo KFO

Loogoo KFO

Mana-hidhaa Qilinxoo keessatti kanneen torban tokkoof nyaata lagachuun mormii irra jiran – Hoogganoonni Koongiresa Fedseraalawa Oromoo fi ka dhaabota biroo walumaa-galatti – sagal, haala fayyaa isaaniif yaaddessaa ta’e irra jiru. Mucayyoon Obbo Beqqelee Garbaa, durbee Boontuu Beqqelee akka jettutti, abbaa ishee – Obbo Beqqelee Garbaa fi hoogganoota KFO ka biroo akka Dajanee Xaafaa, Gurmeessaa Ayyaanoo fi Addisuu Bullaallaa ka biroo dabalee namoonni sagal torban har’aa ture kan nyaata lagachuudhaan mormii isaanii jalqaban. Bulchiinsi mana-hidhaa Qilinxoo hidhamtoota saglan hidhamtoota ka biroo irraa addatti loogii hamaa nu irratti geggeesse – jechuudhaan, iyyannaan mana-murtiitti dhiheeffatanii murtii-haqaa gaafachaa turan, manicha murtiitiin garuma bulchiisicha mana-hidhaa sanaatti taasisamuu isaatiin ture kan isaan torban dabre nyaata lagachuu sana jalqaban – jetti Boontuun. Eega isaan nyaata lagachuu jalqabanii as, yeroo torban tokkoo kana keessatti qaama mootummaa irraa namni iyyannaa isaanii dhaggeeffatee deebii furmaataa kenneef akka hin jirre illee dubbattee jirti. Hidhamtoota sagalan nyaata lagataa jiran keessaa kan har’a gad-ba’ee maatii dubbisuu danda’e – Obbo Beqqelee, Obbo Dajanee fi Obbo Gurmeessaa qofa akka tahes eertee jirti. “Warri hafan baay’ee dadhabuu irraa kan ka’e lafaa ol ka’anii deemuu illee akka dadhabaniii fi haala yaaddessaa irra jiran abbaan koo natti himee jira” – jetti, Boontuun.

Gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG