Xurree ittiin seenan

Bishaan Hara Turkaanaa Hanqataa Jira


Bishaan Hara Turkaanaa Hanqataa Jira

Bishaan Hara Turkaanaa Hanqataa Jira

Itiyoophiyaan kuufama bishaan laga Gibee isa 3ffaa baatii Muddee bara 2016 suluula Omoo keessatti hojii jalqabsiiftee jirti. Kunis projeektii guddaa kan misooma shukkaaraa fi Jirbii kan dabalatuu yoo ta’uun beekamee jira. Iddoo sanatti bishaan kuusuun kan jalqabamee bara 2015 keessa yoo ta’u akka gara hara Turkaanaatti akka hin yaane ta’e ittifame.

Omishii shukkaaraa fi Jirbii babal’ataa yeroo deemuutti bishaan dabalataan Turkaanaa irraa fuudhama. Gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaytis Waach akka jedhutti baayyinni bishaan hara Turkaanaa waggootii lamaan darban keessaatti meetra 1.5 hir’ate.Baatii sadaasa baara 2014 as immoo iddoon dur bishaan hara Turkaanaa baatuu ga’u fi laftii gogaan itti wal ga’u kiloomeetra tokkoo fi qabxii torba wal irraa fagaate.Bishaantu keessaa hir’ataa deeme jechuu dha.

Itiyoophiyaa fi Ertraatti qorataa gameessa kan garee Hiyumaan Raaytis Waach Felix Horn akka jedhutti hojiin misoomaa iddoo sanatti gaggeeffamu kun madda nyaataa fi jireenya naannoo suluuta Omoo fi hara Turkaanaa jiru midhee jira.Misoomnii gaggeeffamu kam iyyu bishaan hedduu barbaada. Bishaan kun misoomaaf fudhatamuun uummata naannoof akkaan yaaddessaa dha.

Jijjiramnii qilleensaa mudataa jiru immo darana haala jiru uummata Turkaanaa irratti sodaa yeroo dheeraa uumamee jiraJiraattonni nannoo akka jedhanti haala itti Roobnii roobu yeroodhaa gara yerootti jijjiramaa jira. Kana malees naannoo suun guutummaatti caamaan caalaatti gogaa jira.Margii dheedichaa hanqataa jira.Gama kaaniin hedduminni lakkoobsa uummataa immo dabalaa jira.Knaaf qabeenya hafee irratti walitti bu’iinsii uumamauu dabaluuf jira.

Gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaytis Waach akka jedhutti badii dhaqqaba jiru kana irratti mootummaan Keniyaa Itiyoophiyaa irratti dhibbaan godhe hin jiru.Kana maleessa dhibbaa projeektiin kun geesisuu malu hawaasa naannoof hin ibsine.

Mootummaan Itiyoophiyaa akka labseetti Kuufama bishaanii Gibee 4ffaa Dolaaraa Biliyoona 1.6 ijaaruuf jira. Inni 5ffaanis sadarkaa karooraan qabamee jira jedhama.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG