Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komishinii Mirga Ummata,Hawaasa Afrikaa akka rakkoon hiriira mormii Itoophiyaa irratti dhalatte qoratamtu gaafate


Hiriira mormii(faayilii suuraa keenna keessaa)
Hiriira mormii(faayilii suuraa keenna keessaa)

Hriira mormii naannoo Oromiyaatii fi Amaaraa iratti akka oduu gara garaatti nama dhibba hedduu fixan.

Koomishiinii mirga Ummataa fi Hawaasa akka mootummaan Itoophiyaa miidhaa hiriira sun irratti dhalatan ykn ufii ykn ammoo dhaabbilee biyya alaa qorachiisu gaafate.

Mootummaan Itoophiyaa rakkoo tana ufumaa malee dhaaba biyya alaa itti fidee akka hin qorachiifne ammallee irra deebihee mirkanse.

Gama kaaniin ammoo paartiin Tokkummaa Guutummaa Paartilee Itoophiyaa nama mana hidhaa Qilinxoo keessatti dhumateef mootummaatti itti gaafatama jedhe.

Paartiin tun dubbii muummeen minsitera Itoophiyaa torbaan dabre keessa akkaataa nagaa eeguu qaban irratti dubbate waan biyya nagaa dhowwaa jechuun dubbate.

Namii Itoophiyaa ka London jiraatulleen hardha embaasii Itoophiyaa biyya sun jiraatu oli duudee akka waan mana hidhaa Qilinxoo keesstti nama fixe ariitiin qoratanii ummata Itoophiyaatti himan gaafate.

Jarii kun embaasii kana oli duudee daqiiqaa 45 keessa turee alaabaa achi jiru fuudhee ka ufii fidate achi keeyyate.

Akka Solomoon Kiflee gabaasetti hojjataan embaasi Itoophiyaa London jiruu maqaa ufiillee himachuu hin barbaadin tokko dubbii nama mana hidhaa Qilinxootti hidhamee mootummaatti qorahcuutti jiraa, jedhee jara seera malee embaasii Itoophiyaa duudeef deebii kennuun barbaachisaa miti.

Manii hidhaa Qilinxoo sanbata dabre gubate keesatti akka mootummaan jedhetti nama 23 dhumatee reefa nama sadii ya maatiitti kennan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG