Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bokkaa dhiyoo tana godina Baalee fi godina Walaayitaatti roobeen nama 50 lubbuu dhabee midhaan lafa qarxii 559 Irra jiraatti bade


Lolaa godina Walaayitaa
Lolaa godina Walaayitaa
Bokkaa godina Baaleetii fi Walaayitaataatti roobeen nama 50 lubbuu dhabe
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:59 0:00
Xurree marsariitii

Naannoolee Itoophiyaatti dhiyoo tanaayyuu bokkaan guddoo roobuutti jira. Bokkaan kun akka ogeeyyotii raaga qilleensaa jedhanitti jijjiirama qillenesaa, El Niño gula dhufe kun karaa kutaa,ollaa irraa faca’aa,lafaa fi manneen jijjissaa waan hedduu balleessuutti jira.

Oromiyaa keessaa godina Baalee aanaa sadii keesatti nama sagalitti bokkaan kanaan lubbu dhabe.Aanaaleen laftii namii itti lubbuu dhabe; Barbaree,Sawwannaa fi Ginniiri.

Obboo Albdulakim Aliyyii,itti gaafatamaa biiroo koominikeeshiinii godina kanaati.

“Jarii dhume kun laga guutee cehuuf adoo jedhu lolaan fudhate malee lolaan isaan irra facaheetii miti.Namii adoo gara oolee adoo galuu lagni ka fudhatetti jira. Aanaa Barbareetti dhiirsaa fi niitii gaangeen yaabatanii lagan cehuuf jedhan fudhate.Argamanii awwaalaman.”

Jara kana akka jecha obboo Abdulhakimitti malkaa Dhaareetti fudhate.Aanaa Ginniiri keessalleetti akka jecha itti gaafatamaa kanaatti nama malkaa cehuuf jedhu lolaan fudhate.

Bokkaan kun kana maleellee godina Baalee kanatti midhaan lafa qarxii (hectare) irratti facaasan balleesse jedhan.Lafa midhaan amma bahuutti jiran bokkaan kun itti balleesse jedhan

Akka obboo Abdulhakim jedhutti lafti midhaan irraa badan tun lafa bal'oo.

“Sanyii facaafame keessallee gara hektaara 559 ka gahu lolaadhaan dhiqamee fudhatame.”

Laftii midhaan irraa badanii jedhan aanaa Gooroo,Ginniir, Barbaree, Sawwannaa.

Kana maleellee lolaan kun horii 1000 tahu fudhate,taatullee akka jecha obboo Abdulhakimitti mana namaa lolaan fudhate hin jiruu namii lolaa kanaan baqatee onaa godaanelleen hin jiru.

Lolaan kun kana maleellee karaa godina Baalee Holqa Soof-Umarii fi Gooroo dhaqaniin kutee umamta naannoo Butaatii fi Daawwee walti bahuu dhowwe.

Riqaan aanaa Gooroo ganda Doloolloo jirulleen ya cite.

Mootummaalleen akka jecha itti gaafatamaa biiroo koominikeeshiinii kanaatti koree ‘Ittisa Balaa Lolaa’ jedhanii ganda haga godina jaaree ummataan gargaaruutti jira.

Gama dhibiin ammoo bokkaan naannoo ummata Kibbaa godina Wolaayitaatti aanaa Kindootti ganda shan keessatti guyyaa dheengaddaa roobe akka jecha itti aanaa Koomsihera poolisii godinichaa Alemaayyoo Maammoo jedhutti nama 41 tahu fixe.

Gandootii namii keessaa dhumate jedhan; Atataa,Gocoo,HooShawaa Muraa fi Moggisa,Borkoshee faatti Laftii gadi cittee lolaan nama guurrate horii guddaa fuddhatellee.

Lolaan kun Karaa godina Walaayitaatii fi godina Daawurootiin dhaqan kute. Karaan godina Sidaamaalleen dhaqan ya cite. Lagii Bilaatteelleen guutee riqaa karaa irraa kutee nama walti dabruu dhowwe.

Bulchiinsilleen waan dandadahuun ummata gargaaruutti jiraa jedha.

Nama godina Walaayitaatti sababa lolaatiin dhuamte 41 keessaa saddeeti maatii tokko.

Reefa nama haga tokko arganii kaanillee barbaaduutti jiran.Lafti baddaa waan taateef namallee barbaadi dhiba tahe. Jara kana haga guddaan lafa bokkaan roobetti gadi kutetti fixe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG