Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bokkaan Adaamaatti roobe manneen 600 tahan irra faca’e, jiraattotii ammoo karoorii magaalaa tanaaf ba'e lolaa irraa hin dhowwuu jedhan


Bokkaan Adaamaa kun haga guddaan ganda 09,03 fi 02,05 faa irra faca'e
Bokkaan Adaamaa kun haga guddaan ganda 09,03 fi 02,05 faa irra faca'e
Bokkaan eda Adaamaa roobe waan hedduu balleesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:05 0:00
Xurree marsariitii

Adaamaa, teessoo mootummaa naannoo Oromiyaa ta duriiti.Oromiyaa gama Bahaatiin jirti.Finfinnee irra akm 100 fagaatti.Qooqayyee (Rift Valley) keessa qubatti.

Adaama
Adaama

Bokkaan eda barraaqa magaala tanatti roobe abbootii warraa 500- 600 caalan irra faca’ee qabeennaa fi manneen hedduu balleesse.

Bokkaan kun keessattuu olloota ganda 02,03,09,fi 05 keessatti lolaan guddaan dhufe.

Bokkaa Adaamaatti roobe
Bokkaa Adaamaatti roobe

​Adoo karaa lolaan gula yaa’u bajata guddaa itti baasanii akka jiraattotii jedhanitti Adaamaan baruma baranaani rakkoon akkanaatiin hin rakkattu.

Lolaa kanaan akka jiraattotii jedhanitti keessattuu warrii mana hin qamne, ijoolleen karaa irra bultu lubbuu dhabuu hin hin oolu.

Hujii geggeessaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obboo Amaan Huseen ammoo bokkaan akkanaa kun waan ganna 50 keessatti arganii hin beennee, Adaamaan golba keessa qubattii teessumtii lafa isiitti lolaa itti fidaa jedha.

​Woma taateefuu rakkoo tana koree itti dhaamnee ummataa gargaaruutti jirraa jedha obboo Amaan.

Itoophiyaatti fulaa hedduutti bokkaan roobuutti jira.Bokkaan ka sugaa, ka quufaa fi gabbinnaa isanii haa tahuu jenne!

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG