Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bonii Booranatti jabaatee horii 82,000 caala irraa fixe.


Bonii Oromiyaa gama Kibbaatti jabaate godina Booranaa keessaa horii kuma 82 caalu fixee, bokkaan jiraachuu baannaan ammallee horiin hedduun dhumachuu fa dandaha jedhanii sodaan jirti.

Godina kanatti bokkaan ganna dabree roobee haraa fi eela hedduu duuchee namaa fi horiin bisaan dhabee rakkate.Bokkaan Hagayyaa ammoo haga diqqaatti roobe,bokkaan Gannaa ka baranaa ammoo haga silaa roobuu maletti hin roobne amma yoo tole malee ganninuu dhumachuuf guyyuma diqqaatti hafe.

Aabba Liiban Areeroo itti gaafatamaa waajjira Horsiisee Bulaa godina Booranaati.Akka tti gaafatamaa kanaatti rakkoon amma jirtu akkuma jirtutti deemaan sanyiin loon Booranaa rakkoo guddoo keessa buuti.

“Bokkaan kun caamuuf haguma guyyaa 10-tti hafe…achiin duuba Bona-Hagayyaa ka dhaamocha qabutti itti aana,horiin kun tana irraa hafa jechuun dhiba.”

Horii dhumate keessaa loon,gaala,re’ee fi waan hedduutti jira.Akka itti gaafatama kanaatti mootummaa fi dhaabbileen gargaarsaa namaa fi horiillee waluman gargaaruutti jiran.

Rakkoo akkanaa keessaa bahuuf malii jabaan jiru nama horiin jiraatuu misoomsaa barsiisuu wayya akka itti gaafatamaa kanaatti.

Aanaaleen rakkoon oolaan kun itti jabaatte akka itti gaafatamaa kanaatti,Miyoo, Dirree,Yaaballo faa taatullee aanaalee horiisee bula cufa keessatti rakkuma akkanaatti jira.

Dhaabii Mootummootaa hin tahin Itoophiyaatti gatii oli kaatee bona jabaate dabalee nama miliyoona lamaa caalutti gargaarsa fedhaa jedhee labse.

Mee waan tana irratti qopheessine MP3 tana irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG