Xurree ittiin seenan

Dho’iinsi Hamaan Moqaadishoo Keessaa Namoota Ja’a Galaafate

  • VOA

Dho’iinsi Hamaan Moqaadishoo Keessaa Namoota Ja’a Galaafate

Haleellaa boombii konkolaataa irraa mana nyaataa Moqaadishoo jiru fuulleetti dho’e Jeneraala waraanaa Somaaliyaa tokko dabalatee namoota ja’a galaafatee jira.

Har’a gara galgalaa boombii dho’e kanaan kanneen biroon kudhan madaa’aniiru. Dho’iinsi sun kan dhaqqabe mana nyaataa fi mana bunaa xaaliyaanii Moqadishoo keessaa cinatti ture.

Kanneen ijaan argan akka amananitti dho’iinsi sun ennaa namoonni hedduun bashannanaaf sa’a booda mana bunaa sana dhaqanitti geggeessamuuf karoorfame.

Manni bunaa sun waajjira directora immigration somaaliyaa fuulleetti argama.

Haleellaa sanaaf battala itti gaafatama kan fudhate hin jiru. gareen al-Shabab yeroo hedduu Moqadishoo keessaa bakka uummatii fi namoonni siyaasaa akkasumas namoonni daldalaa itti wal ga’antti haleellaa raawwatu. Gama biraatiin, loltoonni mootummaa afur har’a dho’iinsa daandii irraa ganda Kabtanlas kan magaalaa Qoryoley jirutti dho’een du’anii jiran. Loltoonni kun ennaa dho’iinsi sun raawwatametti konkolaataa waraanaan deemaa kan turan ta’uu angawoonni beeksisanii jiran.

Yaada kenni

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG