Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Baqqalaa Garbaa faa Mormii Nyaata Lagachuu Irra Jiraachuutu Gabaasame


Boontuu Baqqalaa
Boontuu Baqqalaa

Obbo Baqqalaa Garbaa fi kanneen isaan waliin jiran mormii nyaata lagachuu geggeessuun isaanii gabaasamee jira. Kaleessa maatiin isaanii akkuma baratame gaafachuuf mana hidhaa Maaikelaawwii ennaa dhaqanitti cufaa balbalaa irratti nyaata galchufiin namas dubbisuun akka hin danda’amne ka jedhu beeksisi maxxanfamuu arganii jiraachuu dubbatan.

Kan kaleessa mana hidhaa dhaquun daawwatte intalli isaanii durbee Boontuu Baqqalaa akka jettutti karaa hojjettoonni seenan dhaqnee gaafannus ol galuun hin danda’amu nuun jedhan.

Namoonni kaleessa mana murtiitti dhiyaatan waan turaniif dhimma isaanii dhaggeeffachuu mana murtii Araadaa ennaa dhaqnutti kanneen mana murtiitti dhiyaatan obbo Baqqalaafaan nyaata lagachuu isaanii mallattoon nutti himan jetti Boontuun.

Dheengadda dhaqee yeroon gaafadhetti haalli mana hidhaa sana keessaa baay’ee rakkisaa, kutaa nuti keessa jirru dhiphaa namnis guyyaa dhaa gara guyyaatti nutti dabalama waan ta’eef hafuura baafachuuf illee rakkisaa ta’uu obbo Baqqalaan itti himuu isaanii dubbatti.

Kutaa xiqqoo sana keessa cinaacha tokkoon hiriira gallee rafna, ho’I waan jiruuf kutaan sun hedduu kan nama cinqu ta’uu obsa isaanii ol ta’uu obbo Baqqalaan itti himuu isaanii Boontuun nuuf ibsitee jirti. Har’as gara mana hidhaa sanatti ennaa deebinu nyaata qofaa nu harkaa fuudhanii hojii irra jiru nuun jedhan jetti. Meeshaa itti dheengadda nyaata geessine nuu deebisaa jennus nu didan. Cufaa hojjettoonni ittiin ol galan dhaqnee gaafannus mana qulleessaa jiru nuun jedhan jechuu dhaan akka iyyaafannetti garuu har’as nyaata lagachuu akka itti fufanitti jiraachuu dhageenye jetteetti.

Gaafii fi Deebii Boontuu Baqqalaa wajjin godhame.
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:53 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG