Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boontuu Beqqelee Garbaa Yeroo Jalqabaaf Abbaa Ishee Dubbiste


Itti-aanaa dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Garbaa
Itti-aanaa dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Garbaa

Hiriira mormii guutummaa Oromiyaa keessatti geggeessame wajjin dhimma wal-qabateen kanneen baatii tokkoo fi walakkaa dhaa dura qabamanii, Waaltaa Qorannaa Yakkaa “Maa’ikelaawii” jedhamuun beekamutti hidhaman - itti-aanaa dura-taa’aan Koongiresa Federaalwa Oromoo – Obbo Beqqelee Garbaa, Itti-aanaa barreessaan paartichaa, Obbo Dajanee Xaafaa fi hoogganoonni paartichaa ka biroon, akka maatii isaanii wajjiin kallattiin wal-argan ehamamuu isaa, odeeffannoo maatii isaanii irra arganne dheengadda gabaasnee turre.

Mucayyoon Obbo Beqqelee Garbaa – durbee Boontuu Beqqelee, dheengadda akka ofii ijaan hin argiin, garuu akka firri isaanii argee dubbisee ture nutti himte. Amma garuu, kaleessa, ofumaa deemtee abbaa ishee wajjiin wal-arguu ishee nuuf ibsite.

Ulaa namoonni ittiin firoota isaaniif nyaata geessaniin deemtee akka dhorkanii ishee deebisan ka dubbatte, Boontuun, “booda ulaa karaa fuul-duraatiin galchu, jechuu waanan dhaga’eef, achiin deemee galmeeffameen taa’ee eege. Booda, waajira hojii tokko keessa na galchanii, eegi naan jedhan. Achitti abbaa koo fidan.

Yeroo waliin haasofnu mara. Hojjetoonni waajirichaa afaan Oromoo dubbatan lama taa’anii nu dhaggeeffataa turan.” Jechuun nuuf ibsite. “Baatiin tokkoo fi walakkaaf hin argiin ture iyyuu, amma yeroo ani abbaa koo waliin dubbadhu, taa’anii nu dhaggeeffatan iyyuu, abbaa koo arguu kootti, fayyaan isaa gaarii ta’uu beekuu kootti gammadeen jira.” Jetti – Boontuun.

Gaaffii fi deebii guutuu Boontuu Beqqelee Garbaa waliin geggeessine dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:49 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG