Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhuma Torbanii Irra Gudaritti Nama Lama tu Ajjeesame, Boorana Keessatti Immoo Uummatni Lafa Investmentiif Kenname Deebisee Qabate, jedhama


Mormii Oromiyaa keessaa
Mormii Oromiyaa keessaa

Jiraattonni magaalaa Gudar ka Shawaa Lixaa keessaa, humnoonni federaalaa Mootummaa Itiyoophiyaa Jimaata dabre kana namoota lama magaalattii keessatti ajjeesuun hiriiraa guddaa Sanbata dabre magaalattii keessatti geggeessameef sababaa ta’uu isaa dubbatu.

Jiraataan magaalaa Gudar Sanbata dabre kana Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsetti, hiriirtonni ulaalee magaalattiitti seensan maraan yaa’ee ganamaan magaalattii guutee dhaadannoo isaa dhageessisuu jalqabe. Humnoonni Federaalaa itti dhufanii dhaabuu waan dadhabaanii waraana Agaazii konkolaataa toorbaa dabalataan waamuu dubbatan.

Gama biraatiin Godinaa Booranaa, aangaa Liiban keessa ka jiru lafa investimentii qonnaaf, fedhii uummataa malee, duuressicha Sheek Alaamuudiif kenname, Sanbata dabre kana, uummatni itti bobba’ee mananneen irratti ijaaraman gubuudhaan laficha deebisee dhuunfachuu isaa jiraattonni dubbatanii jiru. Gaafuma sana magaalaa Negellee keessatti hiriira mormii illee gegggeessanii jira.

Kaleessa immoo, Godinaa Guujii, lafa Me’ee Bokkoo jedhamutti ayyaannii Baallii wal irraa fuudhuu Aboota Gadaa Guujii Kaleessa geggeessamee jira. Sirna kana irratti, aangwoonni Mootummaa akka Prezidaantii Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa, Obbo Muktaar Kadir, Itti-aantuu Muummitittii Ministaraa Itiyoophiyaa, Aadde Aster Maammoo fi Prezidaantii Itiyoophiyaa, Obbo Mulaatuu Tashoomee argamuu isaanii dubbatu – jiraattonni.

Garuu, akkuma sirni baallii walitti-kennuu kan aadaa xumurametti, Prezidaantiin naannoo Oromiyaa, Obbo Muktaar Kadiir ennaa haasawa jalqaban uummatni calleensaan bakka walga’ichaa gad-lakkisee deeme, jedhu.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:55 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG