Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boorannii bokkaa Hagayyaa diqqaatullee argachuutti jira


Bonii Booranatti jabaatee horii bonallee itti fachuu dandaha jedhanii abadatan gaalaa fi re’ee dabalee kuma heddu irraa fixe kaan ammallee akkuma ufii jira. Taatullee bokkaan Hagayyaa ka dhiyoo tana aanalee tokko tokkotti miila buusee roobee, aanalee tokko tokkotti ammo awwaaruma gadi qabe jedhan kaan haga guyyaa shanii jahaatuu ittuma jira.

Warrii aanaa Areerootii dhufe,dira ykn magaalaa Areero keessa bokkaan jiraachuu baatullee ollootii naannoo sunii bokkaa gabbaa argatan jedha.Aaabba Galagaloo Nuuraa Waaqoo guyyaa dheengaddaa Areeroo dhufe.

“Bokkaan fulaa ani keessa bahee dhufee fi lafa ani dhagahe hedduutti haroolee guutee roobee…taatullee karaa kutee hin dhageennee.”

Aabba Taadhiii Galgaloo,hojjataa dhaaba OXFAM GB,yoo hujii aanalee Dirree,Miyoo,Dhaasii fi lafa akka akkaa keessa deemutti bokkaa guddaallee hin arginee isuma warrii Miyoo yoo waan horii gaafatan… “horii maanti nutti hafee waan horii dubbannaa jedhee garaa hammaate gaafata jedhaa jedhe.”

“Ani bokkaa guddaa roobee lolaase ykn malkaa nama dabarsu hin agarre…Dirreelleen keessa bahee dabree bokkaa kana jedhanii himan ka lolaalsee obaase hin agarre.”

Boorannii gannatti bokkaa lama argata;Gannaa fi Hagayya.Bokkaan Hagayyaa yoo tole akka jecha itti aanaa itti gaafatamaa Biiroo Horsiisee Bulaa Godina Booranaa aabba Liiban Areerootti, ji’a tokkoo fi wayii rooba. Akka itti gaafatamaa kanaatti aanaleen hagii tokkoo guyyaa diqqaa asitti diqqaatuu guddatuu bokkaa argachuutti jiran.Yoo silaa wal gula roobe malkaa nama dabarsa,Boan Hagayyaa ka dhufullee hin ittifatan.

Godina Booranaa keessaa horii kuma hedduutti dhumate, yoo bokkaan guddaan roobe horii humna hin qamnee fi womaallee garaa hin qamne kana wal gula dabarsuu dandaha.Bokkaan kun roobullee ammallee bonaa jabaatti nama dura jira.Akka Liibaniitti bonii Hagayyaa bonaa jabaa namii sodaatu.

“Bonii hamaan Bona Hagayyaati…Ammajii keessa jalqabaa,aduu hamtuu qabaa tanaafuu tana keessaa bahanillee sunitti nama dura jira.”

Woma taateefuu akka itti aanaanaa itti gaafatamaa kanaatti dhaabbileen gargaarsaalleen tahee ta mootummaa bokkaa amma argame kanatti fayyadamanuii jabaatanii nama gargaaruu malan.

Mee marii teenna MP3 tana irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG