Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bosona Saambisaa: Dahoo Bokoo Haraam


Faayilii: Haleellaa waraannii Naayijeeriyaa milishoota Bokoo Haraam bosona Saambisaa dahoo godhatan irratti bara 2015 fudhate.
Faayilii: Haleellaa waraannii Naayijeeriyaa milishoota Bokoo Haraam bosona Saambisaa dahoo godhatan irratti bara 2015 fudhate.

Bosonni Saambiisa Kaaba Naayigeeriyaatti argamuu oggoota dheeraa booda harras dahoo milishoota Bokoo Haraam ta'uu itti fufeera. Erga bokko haraam dhahuudha Saambiisaatti dulli ji'a bitootessaa banamee. Koloneeloota Kaameeruun ergama kanaaratti hirmaatan keessaa Koloneel Boowubakar Bakarii akka jedhutti , biyyi isaa erga haleellaa akkanaa irratti hirmaachuu qabdee oggaa tokko darbeera. Loolotoota Kaameeruun achi ergite keessaa lama jalaa du'uu , 30 immoo madaahuu biyyittin beeksisteetti.

Bosonni Saambisaa faraan guudaa fi gaaraa. Muka hedduu qaba. karaa gahaa hin qabu. Kun immoo Bokoo Haraamii dahoo mijataa isa godheera. Tarkaanfii fudhachuudhaafis gufuu cimaan guddina isaati. Waraanni Naaygeeriyaa bosonaa kana boombiidhan dhahee kaampii Bokoo Haraam bayyee mancaasu irratti milkoomera. Sodaa guddaan ijoolleeni fi dubartoonni milishoota Bokoo Haraamin fudhataman achii keessa jirachuu isaaniti. Koloneel Bakariin milishoonni kun jara fudhatan akka dahootti itti fayyadaman. Tarkaanfiin fudhatamuu ijoolee fi dubartoota dirqiidhan fudhatamanii achi keessa jiran midhuu mala sodaa jedhutu jira. Bosonichi boombii lafa jala awwalamanin, hoo namni irra ijjaate salphumatti dhoohaniin guttameera.

Intala oggaa 16 Bokoo Haraamin oggaa lama dura fudhatamte amma jala miliqxe simacuudha Sambata darbee namoonni dhibbaan lakkaawwaman Kaameeruun magaala Towuruu jedhamtutti walgahaniiru. Habiibbaa Assaleya, torbban darbe haleellaa loltoonni Naaygeeriyaa godhan keessa harka milishoota bokoo haraamii baatuus, da'ima ishii garu achumatii hafe.

Habiibaan, milishoonni erga dubaroota kaan wajjin ishii fudhatanii, holqaa bosona Sambisaa keessa jiru keessa torban lamaan tokko nutursiisan jetee, San boodas loltoota Bokoo Haramii nitummaadhan hiramuu isaanii himtee. "Leenjiin boombii dhoosuu nu kennameera," han jettu shamarreen tun, milishoonni leenjii kennaniif, " waraana allah jaalatuu irratti hoo du'tanis jannata galtan" jechuuni isanii ibsite.

Dhummarattis Habiiban, loltoota Naaygeeriyaa, harka Boko Haraamii akka baatu ishii qarqaaran galateeffatee, ijoolee fi dubartoonni baayyeen ammas bosona san keeesaa jiraachuu isaanii dubbate. Waraanni Kaameeruun namoota harka Bokkoo Haraamii miliqani nyaataa fi gargaarsa fayyaaa akka kennu ibsuus, lamiiwwan Kaameeruun meeqa harka jara kana akka jiran beekun rakkisaa akka ta'etu himama. Sababni isaas, maatiin namni jala fudhatame loogii hawaasnni irraan gahuu fi bokkoo harammirra han ka'e fudhatamuu ijoolee isaanii qama mootummaatti himuu irraa of qusatan.

Bosona Saambisaa: Dahoo Bokoo Haraam
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:50 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG