Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Lammilee Somaaliyaa hin tahin ka Buufata baqataa Dhadhaab jiraatan egereen keenya nu yaaddesse jedhan


Koomishineeriin UNHCR Dhadhaab daawwate.
Koomishineeriin UNHCR Dhadhaab daawwate.

Baqattoonni Lammilee Somaaliyaa hin tahin ka Keeniyaa buufata baqattoota Dhadhaab jiraatan waa’een fuuldura isaanii akka isaan dhiphisaa jiru dubbatan. Dhadhaab ni cufama jedhamee erga darbee as baqattoonni lammilee biyyoottaan akka Itiyoophiyaa, Eertiraa, Buruuundii, Sudaanii fi kaan bakka lixaa dhabuu dandeenya jechuun soda qaban dubbatu. Baqataan Oromoo Dhadhaab jiraatan tokko akka Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanitti, cufamuu Dhadhaab ilaalchisuun Koomishinerri dhaabbata Baqataa tokkummaa mootummootaa UNHCR dhufanii nu daawwatanus, haga yoonaa waa’ee Keenyaaf murteen ifaa tahe hin kennamne jedhan. Keessuma murteen Kaampiin Dhadhaab Muddee kanatti ni cufama jedhu waan wal dhahu hedduu qabaa jedhan.

Waa’ee baqattoota kanaa ilaalchisuun dubbi himaan Dhaabbata Baqataa Gamtaa Mootummootaa UNHCR ka damee Keeniyaa Duuk Imwaanchaa, ‘Baqattoonni kuni dhugaadha yaaddoo qabu, nuti yaaddoo isaanii kanaafis yoo baayyate turban lama gidduutti egereen isaanii maal akka tahu itti himnaa jedhan.

Komishineriin UNHCR Dhadhaab daawwate
Komishineriin UNHCR Dhadhaab daawwate

Gama Biroon Waajjirri Dhimma keessoo Keeniyaa kaleessa yaadannoo guyyaa Baqataa addunyaa kaleessa kabajame ilaalchisuun ifa baaseen, hojii irra labsiin ka dhaabbate waajjira dhimma Baqataa keeniyaa dame bakka bu’u yeroodhaaf muuduu isaa kaaabineen dhimma keessoo Keeniyaa Jooseef Inkaayiseerii dubbataniiru. Mr. Inkaayiseeriin dabalaniis, biyyi isaanii keeniyaan haala qabiinsa baqattoota biyyattii keessa jiranii ilaalchisuun labsii haarawa baasaa akka jirtus dubbataniiru.

Baqattoonni Lammilee Somaaliyaa hin tahin ka Buufata baqataa Dhadhaab jiraatan egereen keenya nu yaaddesse jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:59 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG