Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Bulee Horaa keessatti Manaa Ba’anii Deebi’anii Galuun Yaaddessaa Ta’eera Jedhu Jiraattonni


(Suuraa Faayilii)
(Suuraa Faayilii)

Guyyaa nama daandii irra adeemuu halkan mana namaa cabsanii seenuun jiraattoota reebanii hidhuun daran bifa jabaateen itti fufuu isaa jiraattonni dubbatanii jiru. Humni waraana mootummaa magaalatti keessatti heddumminaan bobba’ee uummata ari’ataa fi hidhaa waan jiruuf uummanni magaalaa keessaa gara baadiyyaatti inni baadiyyaa keessa jiraataa ture immoo gara magaalaatti baqataa kan jiru ta’uu jiraattonni ibsanii jiru.

Namoota hanga tokko achuuma magaalaa Bulee Horaa keessatti hidhan kan jedhan jiraattonni, kanneen qaban heddumminaan gara Baatuu ykn Zimaayitti dabarsan jedhu. Gabaa dhaqanii daldalachuun, dargaggonni gara mana barumsaa adeemuun yaaddoo guddaa ta’uu fi hojjatonni mootummaa waajiira erga seenanii booda mallattessanii manatti galu jedhu. Komaandii poostiin dhiheenya kana ibsa baaseen guutummaa biyyattii keessaa namni 11,607 to’annaa jala ooluu isaa fi kanneen keessaa 3,048 Godinaalee Gujuu, Harargee Lixaa, Harargee Bahaa irraa qabamanii wiirtuu Ziwaay Alaageetti kan argaman ta’uu beeksisee jira.

Gaaffii fi deebii kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

XS
SM
MD
LG