Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caaccaba fooqii Jimaata dabre Naayroobiitti gadi cittee jalaa hardhallee nama sadii qotanii jiraa baasan


Fooqii Keenyaatti gadi citte
Fooqii Keenyaatti gadi citte

Fooqiin mana jahaa tun torbaaniin duratti Naayroobi olloota hiyyeeyyiin keessa jiraatan,Huruma keessatti jidde.Haga ammaatti nama 36 tanaan dhumatee nama 140 caalaatti miidhame.

Akka Koreen Fannoo Diimtuu Naayroobii jettutti hardha qofa nama sadii jiraa caaccaba jalaa guuran“ hardhaa qofa dhiiraa tokkoo fi nadheen lama caaccaba jalaa qotanii jiraa baasan.”

Fooqii Naayroobiitti gadi cittee nama fixxe
Fooqii Naayroobiitti gadi cittee nama fixxe

​Guyyaa dheengaddaallee daahima diqqaa tokko caaccaba kana jalaa fuudhan.

Haga ammaatti nama 135 balaa akkanaa irraa hambisan.Keenyaa keessatti ganna dabre qofa fooqii 15 jigee namii 15 dhumate. Pirezidaantiin Keenyaa, Uhuuruu Kenyaataa akka manneen biyya isaaniitti jaaraman cuftii akkii itti jaaraman qofatamu hajaje.

Akka gabaasa Waldaa Koree Karoora Ijaarsaa Fi Qorannoo Naayroobiitti mannee biyya isaaniitti jaaran harka 100 keessaa harkii 50 seera manaan jaaruu malanii alatti jaaraman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG