Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caama Boorana Mudateef Roobnii Hagayyaa Murtessaa Ta’a


Itiyoophiyaa gama kibbaa keessa haalli qillensaa fi omishaa jiru bifa lama qaba.Kanneen rooba ga’aa argatan omiisha galfataniiru.kanneen caamni isaan mudate kan akka godina Boranaa keessa haalli jiru garuu adda.

Anaalee Godinni Boranaa qabu 13 keessaa 5 jechuun Dilloo, Dirree Mi’oo moyalee fi Dhaas hanqiina nyaataa hamaa keessa jiru jiraatonni akka jedhanti. Kanneen foyyee qabu jedhaman garuu hanqiina nyaataa akka qaban kan ibsame aanaa Areeroo Taltallee fi yabeloo ti.Isaan kun sadarkaa lammaffaa irratti ilaalamu.

Kanneen biroonis sadarkaa sadarkaan hanqinni nyaataa keessatti uumameera. Jireenyi isaa loon isaa kan ta’e boranni marga dheedichaa fi bishaan barbaacha loon lafa dheeraa deemsisu.Lafa hagasii deemuuf immoo loon nyaachu qaban.Kanaaf jecha rakkoon amma haammaate jedhu.

Kan torban lama booda dhufa jedhame eegamu roobni Hagayyaa hin argamu taanaan haallii jiru akkaan yaadessaa ta’uu hojjatonni gargaarsaa ni dubbatu. Caamnii kun eega eegalee waggaa 2 ta’uu isaa kan ibsan jiraatonni guyyaa 10 qofaaf rooba arganne jedhu.

Caamni irra deddebi’ee waan isaan miidheef jecha qabeenya isaanii duguganii fixaa waan jiraniif ijoollee isaanii rakkootu eega. Yabelloo keessatti gargaarsi seeftii neet kan mootummaa duraan gaggeessaa ture malee gargaarsi hatattamaa kenname hin jiru.

Mi’oo keessatti gargaarsi raabsamaa jira .Mi’oon kanneen sadarkaa duraatti caamni midhe kanneen jedhaman keessaa tokko. Areero taltallee fi yaabeelloo keessatti garuu gargaarsi hatattamaa hin kennamne.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG