Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itoophiyaa Caamni Biyyatti Odoo Gara Beelaatti Hin Cehiin Dhaabuu Dandeenye Jedhe


Mootummaan Itoophiyaa Caamni Biyyatti Odoo Gara Beelaatti Hin Cehiin Dhaabuu Dandeenye Jedhe
Mootummaan Itoophiyaa Caamni Biyyatti Odoo Gara Beelaatti Hin Cehiin Dhaabuu Dandeenye Jedhe

Komishinni Hooggansa Yaaddoo Balaa kan biyyatti caamni Itiyoophiyaa keessaa otuu gara oolaa yokaan beelaatti hin jijjiiramiin dhaabuu danda’uu isaa dubbataaa jira.

Gama biraatiin ammoo, baatiilee sadii keessatti, uummatni gargaarsa nyaataa hatattamaan barbaadu, miliyoona shanii fi kuma dhibba lama irraa gara miliyoona toorbaa fi kuma saddeetiitti guddachuu isaa dubbatee – kanaafis arjoomtota doolaara miliyoona dhibba toorbaa fi miliyoona afurtamii shan na barbaachisa – jedha.

Koomishina Hooggansa Yaaddoo balaaf Daarektara Daarektoreetii Sab-quunnamtii ka tahan – Obbo Debbeebee Zawudee, “Otuu beelli hin dhaqqabiin hambisuun keenya, uummata nyaata barbaadu nyaachisuu waan dandeenyeefi” – jedhu.

Kanneen Mootummaa Itiyoophiyaa waliin wal-gargaaruun hojjetan – dhaabbatoonni arjmooma gargaarsaas, lakkoobsi namoota balaa caamaan miidhamanii akka dabaluu maluu fi maallaqichi yoo hin argamu tahe balaan dhufu akka hamaa tahu akeekkachisaa jiran.

XS
SM
MD
LG