Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walabummaan Presii naannoo addunyaa gad deebi'e jedhu gabaasaaleen


United States walitti aansuu dhaan biyyootii kanneen doorsisa gareelee finxaaleyyii kanneen akka al shabab jala jiran haala ittiin gargaartu keessa deebi’uun xiinxaltii jedhu dhimmootii Afriikaatti itti aantuu ministrii dhimmi alaa US Linda Thomas-Greenfield dubbataniiru.

Jiloota daawwannaa Kery keessaa tokko kan ta’an Thomas-greenfield akka jedhanitti milkaa’ina gamtaa Afriikaa fi humnootiin US argatan al-Shababiin bakka gad dhiisisaa jira waan ta’eef gareen kun yeroo ammaa haleellaa inni geessisaa jiru daangaa bal’ifachuu irraa gara ofi irraa ittisuutti jijjiiramee jira jedhan.

Tattaaffiin Kenya fi biyyootii ka biroo Somalia dhaa alatti geggeessamu kan inni agarsiisu soda gareen kun qabuuf walitti fufiinsaan kan isaan barbaadan naannolee dadhaboo ta’ani. Us al shabab irratti haleellaa xayyaara nam maleeyyii raawwachuu dhaan loltoota gamtaa Afriikaa deggertee jirti jedhaniiru.

Kerryn Kenya daawwachuun immoo daawwannaa president Obaman baatii Adoolessaa keessa Nairobitti geggeessaniif haala ka mijeessu. Daawwannaan isaanii kun gumii hojii daldalaa kan daldalaawwan gareelee naannoo addunyaa fi mootummoota waliin wal qabsiisuu irratti fuuleffate irratti argamuuf jecha.

Kunis kampanileen US Kenya keessatti babal’achuuf carraa dha jedhu Thomas-Greenfield guddinni Kenyaan agarsiisaa jirtu akkaan ol aanaa ennaa ta’u gumiin hojii daldalaa Adoolessa keessa Kenyatti geggeessamuuf jirus ardittii keessatti Kenyaan dinagdee dagagsuun qooda isheen qabaatteef beekkannaa kennuuf jecha.

United Statesf iddoo buufta waraanaa ta’uutti dabaluu dhaan dhiyaanya immoo namoota biyyoota ka biroo hookkara Yemen jalaa dheessaniifis iddoo buufataa ti. Biyyattiin buufata doonii ijoo ta’uu ishees waalta gumii Atlaantikiif directora kan ta’an Peter Pham dubbataniiru.

Peter itti dabaluu dhaan Jibuutiin dimokraasii fi bulchiinsa gaarii gama diriirsuun US biraa gargaarsa argattee jirti jedhan.

Biyya tasgabbii qabu dha garuu biyya dimokraasiin keessatti diriire miti, ifaas waan hin taaneef tasgabbiin kun hagam turuu danda’a inni jedhu kan wal gaafachiisu.

Gama biraatiin immoo torban lama dura ministrittiin dhimmi alaa US Wendy Sherman ministeera dhimmi Itiyoopiyaa Tewdrso Adanoom waliin erga wal arganii booda biyyi isaanii filannoon Itiyoopiyaa geggeessamuuf jiru kan haqaa fi walabaa ta’a jettee abdatti, jechuu dhaan biyyattiin yeroo filannoo haala gaariin geggeessuu isheef dimokraasii biyyattii keessa jira jedhaniif galateeffataniiru.

Ibsi isaanii kun garuu dhaabolii mirga namaa kan akka Freedom House fi HRW gabaasa isaan mirga namaa fi dimokraasii biyyattii keessaa ilaalchisuun baasan waliin kan wal dha’u jechuu dhaan Joonii Kaarsen`gorsaa adda waaltaa nageenyaa US kan ta’an Johny Carson yaada gama isaanii akka kennaniif gaafatamanii: wendy Sherman ministrii dhimmi alaa keessatti dhimmi imaammataa irratti nama hojjetan akkasumas kabajaa qaban waan ta’aniif yaada isaan kennan irratti kallattiin yaada kennuu baadhuus kan ani jechuu danda’u tokkichi jedhan Joonii Kaarsen: Kan ani jechuu danda’u tokkichi Itiyoopiyaan aadaa dhumaan michuu cimtuu ameerikaa ti.

Kurna darban keessa gama dinagdee fi hawaasaan akkasumas gama siyaasaan fooya’ina guddaa argamsiistee jirti. Guddinni ishees itti fufee jira. Ityoopiyaan gaanfa Afriikaa keessaa biyya barbaachistuu, United States-fis biyya baraachistuu dha jedhu Joonii Kaarsen.

Kerryn Afriikaa daawwachuu isaanii duran Caamsaa 2 Sri Lankatti goruu dhaan angawoota mootummaa, miseensoa hawaasa sivilii fi bakka buutota hawaasaalee adda addaa waliin wal arguuf jiru. Erga bara 2004 qabee ministeera dhimmi alaa US Sri Lanka daawwatan isa jalqabaa ta’uuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG