Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaa Preesii Addunyaa


FILE - Namoota miidiyaa walabaaf falmuun hiriiran.
FILE - Namoota miidiyaa walabaaf falmuun hiriiran.

Waggoota darban kudha lama keessatti walabummaa preesii kufaatiin mudachuu isaa jaarmayaan Friidam Hawuus jedhamu gabaasee jira. Kufaatii kanaaf sababaan kanneen siyaasaa gaggeessan fi yakka rawwatan akkasumas shoroorkeessoota ta’u hubachiise.

Walabummaan preesii akka hamaatti kan keessatti kufe Masrii ta’uu fi kunis biyyoota waggaa tokko keessatti kufaatii hamaan isaan mudate sagal keessaa tokko ta’uu ishee agarsiise. Waggaa darbe Gaazzexxessonni Toorbaatamni ajjefamuu fi kanneen dhibba lama ta’an hidhamuu ka dubbatu Ministrii haajaa alaa kan Yunaaytid Isteetes lafa walabummaan presii hin jirreetti walitti bu’insaa fi wal waraansii jiraachuuf carraa hedduutu jira, jedha.

Buruunditti gaazexeessonni ukkaamsaa miidiyaa walabaa irra jiru agarsiisuudhaaf hiriiran, Buruundii, 2015
Buruunditti gaazexeessonni ukkaamsaa miidiyaa walabaa irra jiru agarsiisuudhaaf hiriiran, Buruundii, 2015

Gareen mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Raaytis Waach gama isaan mootummaan Somaaliyaa fi garee Al-Shabaab Gaazzexxessoota irratti tooftaan dararaa fi dorsisaa gargaaramu jechuun himatee jira. Bara 2014 as Somaaliyaa keessatti Gaazzexxessoota kudhan caalan ajjefamuu fi kanneen biroo 6 yaalii ajjeechaa irratti aggaamamee irraa lubbuun hafuu dubbata, jaarmayichi.

Mootummaan Itiyoophiyaa seera farra shoroorkeessummaa qabuun gargaaramee Gaazzexxessoota, miseensoota paartii fi qabsaa’otaa himachuun sagalee walabaa callisiisuuf wanna gochaa jiru akka dhaabuuf Yunaaytid Isteets Jimaata darbe gaafachuun ishee ni yaadatama.

Guyyaa Preesii Addunyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:56 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG