Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkuba kaansarii fi Biyyoota Guddataa jiran


Addunyaa irratti du'a dhukkubi kaansarii fidu sadii keessaa harka tokko ittisuun kan danda'amu ta'uu jaarmayaaan fayyaa addunyaa gabaasee jira. Guyyaa kaansarii addunyaa sababeeffachuun gabaasaan sadarkaa addunyaatti ba'e akka jedhutti biyyoota addunyaa irra jiran keessaa walakkaa caalaan sagantaa ittiin dhukkuba kana ittisan ykn wal'aanan waan hin qabaanneef jecha dandeenye.

Jaarmayaan fayyaa addunyaa akka gabaasetti bara 2008 keessa uummanni miliyoona 7.6 sababaa dhukkuba kaansariin du'an. Waggaa waggaanis namoonni miliyoona 13 ta'an haaraa dhukkuba kanaan qabamu. Jaarmayaan kun akka jedhutti warri kaansariin haaraa qabamanis haa ta'u warri dhukkuba kanaan du'aa jiran 3 keessaa harki 2 biyyoota guddataa jiran keessatti argamu.

Aadaan sochii qaamaa ykn spoortii hojjechuu lafa hin baratamnetti furdinnis hammaatee kanneen tamboo xuuxanii fi dhugaarii alkoolii dhugan dabalaa yeroo jiran kanatti kaansariif saaxilamuun dabalaa deema. Kunis keessumaa magaalaalee biyyoota guddataa jiran adda addaa keessatti faca'ina kaansarii hammeessa.

Gama kaaniin ijoolleen durbaa biyyoota guddataa jiran keessa jiraatan dhukkuba kaansarii afaan gadameessaan (Servical Cancer) akka hin qabamneef talaalii ittisu argachuuf jiru. Kaansariin Afaan gadameessaa miidhu kun Hiyumaan Paapiloomaa vaayras ykn HPV jedhamuun kan dhufu yoo ta'u kan daddarbus quunnamtii saalaan ta'uun ibsamee jira.

Addunyaa irrattis sababaa kaansarii kanaan daqiiqaa lama keessatti dubartii tokkotu du'a. Waggaa waggaan dubartoota kuma 200 fi kuma 75tu dhukkuba kanaan dhuma. Kanneen keessaa harka 85 kan ta'an biyyoota guddataa jiran keessa jiraatu. Talaaliin kaansarii afaan gadameessaa ittisuuf kannemu ijoollee durbaa umuriin isaanii waggaa 9 fi 13 gidduu jiraniif kennama.

Gamtaan Gaavii Alaayaans jedhamu talaalii farra kaansarii kana kennuuf shamarran biyyoota guddataa jiran 8 filate. Biyyoota Afriikaa uffee sahaaraa gadii keessaa Gaanaa, keeniyaa, madagaaskaar, maalaawwii, Nigeer, Seeraaliyoon fi Taansaaniyaa akkasumas biyyoota Eshiyaa keessaa laaoos ta'uun baakemee jira.

Gabaasa guutuu dhaggeeffahdaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:45 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG