Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabonni Mirgaa Siivilii Sadii Akka Hawaasni Addunyaa Waa’ee Ajjeefamuu Hiriirtota Oromoo Dubbatu Gaafatan


Loogoo Amnesty International
Loogoo Amnesty International

Dhaabbatoonni sadii jechuun World Alliance For Citizens Partcipation, East And Horn of Africa Human Rights Deffenders Project fi Amnesty International, michoonni misoomaa fi michoonni sadarkaa Addunyaa kan Itiyoophiyaa waa’ee lammiwwan Oromoo yoo xiqqaate 140 Mudde bara 2015 asitti hiriira nagaa irratti ajjeesamanii akka dhiheessanii dubbatan waamicha godhanii jiran. Sadaasa 12 bara 2016 gara Kibba Dhihaati , lafa mooraa mana barnootaa fi Bosona naannoo investmentii dhuunfaaf kennuuf yaaliin godhame mormii uummataa hordofsiise.

Eega sanaa jalqabee magaalaa Finfinnee gara Oromiyaati babal’isuuf karoorri misoomaa ba’e mormii guddaa kaase, jedha, ibsi jaarmayaalee kanaan bahe.

Hookkarri uumamee hiriirtota ajjeesuu fi hidhuu hidhuu hordofsiise. Mootummaan Itiyoophiyaa, Amajjii 12, bara 2015 Maaster pilaanicha dhaabuu isaa ibsus, mormiin kun guyyoota itti aanu, Hararghee Lixaa, Amboo, Wallaggatti itti fufee, poolsoonni rasaasaa hiriirtotatti dhukaasan, hiriirtota reeban, jedha gabaasaan kun. Motummaan Mudde 15, bara 2015 ibsa baaseen kanneen hiriira karaa nagaa geggeessan shororkeessota, jechuun tarkaanfii poolisii fi humna waraanaa jabeessuu isaa illee dubbata. Itti fufuudhaanis, “hawaasni Addunyaa, dhimmi kun dhiittaa moirga dhala-namaa ta’uu hubatee, ka gochaa kanatti gaafatamaa tahe motummaa Itiyoophiyaa akka hubachiisu gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG