Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Somaaliyaa Akka Beelli Deebi’ee Biyyattii Hin Mancaasne Dhorkuuf Biyyoota Naannoo Gargaarasa Gaafatan

Prezidaantiin Somaaliyaa – Mohammed Abdullaahii Mohammed, akka beelli deebi’ee biyyattii hin mancaasne dhorkuuf – Hoogganoonni biyyoota naannoo mala danda’ame maraan akka gargaaran gaafatan.

Maqaa masoo “Farmaajoo” jedhamuun kan beekaman – Prezidaantichi Somaaliyaa haaraan, waa’ee baqattoota Somaalee ilaalchisee, walga’ii addaa, gamtaa hoogganoota biyyoota naannoo – IGADiin, magaalaa Naayiroobii keessatti geggeessame irratti kana dubbatan.

Yeroo ammaa kanatti, baqattoota fi kanneen qehee ofii irraa buqqa’an – lammiwwan Somaaliyaa gara miliyoona lamaa fi walakkaa tu, mooraalee gargaarsaa biyya keessaa fi alaa keessa jiraata. Kan nama gaddisiisu, dhaloota marsaa sadiif kanneen achi keessa jiraatan tu jira. Sababaan isaa, haala Somaaliyaa keessaa tu miija’uu dhabee, deebi’uu isaan dhorke – jedhan – Prezidaant Mohammed.

Lammiwwan Somaaliyaa, waggoota as dhihoo dabran keessa, gara biyya ofiitti deebi’aa jiran. Haalli Somaaliyaa keessa suuta-suutaan wayyaawaa jira. Garuu, amma illee dangaalee hedduu furamuu qaban tu jira. Kanneen keessaa tokko, rakkoo caamaa fi beelaa ta’uu dubbatan – Prezidaantichi Somaaliyaa.

XS
SM
MD
LG