Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchootii USA Rakkoon Hiriirtota Oromiyaa Irra Gahaa jiru Isaan 'Yaaddessa', Akka Rakkoon kun Qoratamtu Gaafatan


Miseensota Kongireesii USA: Tom Emmer,Keith Ellison, Betty MCCollum fi Abdi Warsame( Mana Maree MN)
Miseensota Kongireesii USA: Tom Emmer,Keith Ellison, Betty MCCollum fi Abdi Warsame( Mana Maree MN)

Miseensonni kongireesii USA fi Miseensi mana Marii Bulchinsa Minniyaapolis rakkoo masterplanii Finfinnee irratti minsiteera haajaa alaa USA Joon Keeriif xalayaa barreessan: Keith Ellison, Betty MCCollum , Tom Emmer fi miseensa mana marii bulchiinsa magaalaa Abdii Warsaameeti.

Jarreen kun MN godina Oromo baayyinnaan keessa jiraatu ta'uu ibsanii, jiraattonni godinicha dhibban lakkawamaan rakkina Oromoota hiriira nagahaa bahanirra gaahaa jirun yadaa'uu fi dhimma kana isaan biraan gahuu beeksisanni, dhimmi kun isaanis yaddessuu barreessan.

Kana malees ministerii haajaa alaa USA Joon Keeriis ajjeechaa namooota kanarra gahaa jiru balallefachuu isaaa akka dinqisifatan ibsan. Haa ta’u malee jedhan miseensonni Kongireesii kun, rakkina mirgaa dhalaa namaa naannoo sanitti faaraan hammaata dhufe kana foyyessuf tarkaanfii cimaanatuu barbbachisa jenne ammana.

Xalayaan itti gaafatamtooni kun ministerii Haajaa Alaa USA-tii barreessan kun biyyootiin lamaan walti dhufeenya faayida gaarii qabu kan bara dheeraaf bu'aa buuse akka qaban dubbata. Garuu gargaarsii maalaqaaa Itiyoophiyaan demokiraasii baballisuuf mootummaa Amerikaa irraa argattu hojiira oluun isaa tohatamuu qaba jedhu.

Master pilaanii Finfinnee falmuuf hiriira bara 2014 godhamme irratti Oromoonni hedduun ajjeefamuu akkasumas an dhibbaan lakkaawaman hidhamuu isaanii xalayicharratti eeranii, kan baranaa irrattis mootummaan du’a nama shanii himullee warri dhimma kanatti dhiheenya qaban garuu baayyinni nama du’ee hoo xinnaate 75 jechuun mirkaneessan.

Dhiheenya kana muummeen ministera Itioophiyaa Haylee-Maariyam Dessaalenyi “warra naannoo kana jequmsaaf saaxile irratti tarkaanfii boojuu hin qabne fudhanna,” jechuun isaani Ameerikaa hin yaaddessa jedhanii akka mootummaan Amerikaa hoggantoota Itiyoophiyaa wajjin balaa kana caalaan odoo hin gahin marii jalqabuu fi biyyattiin demookraasii daagaagsuf waadaa galte kabajju mirkaneefachuu qabna jedhan.

Dabalanis yeroo michoonni keenya mirga lammii isaanii dhiibaan dhiisuu hin dandeenyuu - motuumman Amerikaa dhimma kana jabeessee akka qoratuu fi yeeroo qorannon kun gegeessamu seerri hiriyyummaa walgargaarsa waraana biyya lamaani cabsu argamanaan mootummaan Ameerikaa atattamaan akka tarkkanfii barbachiisaa fudhatu gafanna jedhaniiru.

Miseensa mana marii Miniyaapoolis, Abdi Warsome kara saatiin, ajjeechaa hiriirtota irra gahee baayyee kan isaa gaddisiise fi haallii jiru kan isa yachisuu tahusaa ibsee maatii namoota du’anitif jajjabina hawweera. Kana malees miseensii mana maarii kun mootumman Itiyoophiyaa akka hiriira nagaa hayyamuu, barattootaa fi namoota nagaa akkanumaan hidhaman akka gadhiisuu fi humnaan fayyadamuu akka dhaabuu gaafate.

Karaa biraan ammoo Warsaameen bulchiinsa magalaa isaa fi jiraattota Oromoo Minisootaa waliin tahee akka mootummaan Itiyoophiyaa namoota hiriira bahanirratti hummna fayyadamuu akka dhaabuu fi mootummaa Amerikaatii fi qondaaltonni seera baasan akka dhiibbaa uman waamicha godhaniiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:05 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG