Xurree ittiin seenan

Breaking News

Reeffa namoota Lama Kan Buqqeen mataa Isaanii Cabe Poolosiin Nutti Fide: Doktora Hospitaala Naqamtee


Walagga dhiyaa magaalaa Naaqamtee keessaa daldalaawwan jiran cufamuu isaanii jiraattonni ibsaa jiran. Daldalaawwan kun maaliif akka dhaabate ennaa ibsan hacuummaa mootummaan saba Oromoo fi kanneen biroo irratti raawwataa jiru mormuuf akka ta’e illee dubbataniiru.

Manneen daldalaa cufaman deebisanii akka banaman beeksisi kennamu iyyuu uummati garuu diddaa isaa itti fufe jedhan.

Sanbata galgala immoo namoonni lama ajjeefamuu ka dubbatan jiraattonni ajjeechaan kun humnoota mootummaan raawwatamuu ibsaniiru. Uummata nagaa karaa deemu irratti haleellaa raawwataniin Yunivarsitii Wallaggaa keessatti sadarkaa barnoota isaanii fooyyeffachuuf kan dhufan barsiisaa Mohaammad Usmaanii fi kan hojii gargaaraa konkolaataa irratti bobba’ee hojjetu dargaggoo Eebbaa Waaqjira mataa isaanii dha’anii akka hamaatti waan miidhamaniif lubbuun isaanii darbuu jiraattonni ibsniiru.

Reeffi namoota kanaa bakka itti geessame Hospitaala Naqamtee irraa Doktor Qabbannaa Tafarii du’uu isaanii fi mataan isaanii baqaqee arguu isaaniif reeffa kana kan qoratan isaan ta’uu nuuf mirkaneessaniiru.

Gabaasa guutuu dhagahuuf kana cuqaasaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG