Xurree ittiin seenan

Breaking News

Danqaa Gam Lamaa Itiyoopiyaa Mudate


Dhaabbatni Staatistiksii Waaltaa kan Itiyoopiyaa gatiin bittaa biyyattii keessaa dhibba irraa harka 25 ol ka’uu isaa Har’a beeksise. Baatii Guraandhalaa keessa, gatiin kun dhibba irraa harka kudha-jahaan dabaluun eega himamee booda kun ka lammataa tahuu isaa ti.

Gabaasaan Dhaabbata kanaa akka jedhutti baatiilee kudha-lama dabran keessa, gatiin maallaqa biyyattii dhibba keessaa harka 11 fi qabxii sadi’iin gad kufe. Gatiin nyaataa dhibba irraa harka 5 fi qabxii saddeetiin dabale. Itti-aanaan Directoraa dhaabbatichaa Obbo Yaasin Moosaa akka jedhanitti gatiin bittaa hagana ol bahuun eega Onkoloolessa bara 2009ii as kun ka jalqabaa tahuu isaa ti.

Hayyoonni dinagdee akka jedhanitti gatiin bittaa Itiyoopiyaa keessaa, baatii kana keessa illee daran ol ka’uuf deema. Gatiin zayita boba’aa dhibba irraa harka kudha-afuriin dabaluun guyyoota xiqqoo dura biyyattii keessatti eega labsamee booda kan kun dhagahame.

Gama biraatiinis Dhaabbatni Ittisa Balaa fi Qophaaa’inaa tilmaamni lammiwwan Itiyoopiyaa gargaarsa nyaataa barbaadanii dabaluu isaa beeksise. Gara jalqaba waggaa kanaa irra uummata hanqina nyaataan gidiramu - Miliyoonaa fi kuma dhibba saddeet gargaarsa nyaataa dhaqqabsiisuuf, arjoomtotatti iyyatee ture - Ajensiin kun. Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhageeffadha

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG