Xurree ittiin seenan

Breaking News

Danqamni polotiikaa Ivory Coast hammaataa adeeme.


Baatii Sadaasa keesssa kan geggeeffame ba’iin filannoo presidentummaa Ivory Coast erga labsamee as wal danqaan biyyattii keessaa hammaataa jira.

Hoogganaan garee mormituu Alassany Wattaaraa dorgommii kana injifachuu dhaan presidentii biyyattii ta’anii filatamuu isaanii Tokkummaan mootummootaa fi hawaasi addunyaa mirkaneessee jira.

President Laurent Gbagboon garuu presidentiin ana malee jedhanii aangootti cichanii hin gadhiisu jedhan.

Humnootiin naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa nageenya biyyattii eegsisuuf jecha loltoonni itti dabalaa akka ergaman gaafataa jira. Mr. Gbagboon garuu humnootiin kun martinuu biyya koo gad dhiisanii haa ba’ani, uummati biyya koo tii amantii irraa hin qabu. Abbaa biyyummaa keenyatti bu’an jechuun waamicha kana fudhatama dhabsiisan.

United States president Laurent Gbagbon kan filannoo Sadaasaatiin injifachuun isaanii sadarkaa addunyaatti beekkannaa argate Wattaaraaf aangoo akka gad dhiisan irra deebi’uun waamicha dabarsitee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG