Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daraartuu Tulluu bara ufiitti fiigichaan warqii hedduu tuulatte kaayoon qabaatanii jabaatanii hojjannaan hinuma taati jetti


Atileeti Daraartu Tulluu bara 2010 New york,USA
Atileeti Daraartu Tulluu bara 2010 New york,USA
Daraartuu Tulluu atileetii jireenna isiitti waan hedduun faarsan
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:28 0:00

Olompikii Ispeen,Barseloonaa irratti addunyaa afaan qabsiiftee eennuu fi ta eennu akka taate hubachiifte.

Eegii bara 1992 jalqabee haga bara 2011 kophee dorgommii yaafatte qofa mitii hardhallee waan hedduun faarsan.

Haati Qananii,intaltii obboo Tulluu Gammachuu,maatii ilmaan Obboo Dibaabaa Qananii,Daraartuu Tulluu haadha ilmaan jahaati.Lama isiitti dhaltee afur hin guddifatte.

Ganna 15 dorgommii fiigichaa addunyaa sadarakaa gara garaatti dorgomaa baate.Dhibii jilbaa isiin bara 2009 New York irratti dorgomte itti hammaate keessa jabaatee bara 2011 Yakohoma,Jappaan duuabtti dorgommii fiigicha aufi dhiifte.

Daraartuu Tulluu,Toonii Bileeyerii fi atileeti Morookoo
Daraartuu Tulluu,Toonii Bileeyerii fi atileeti Morookoo

​Gaafa diqqootuu yoo barumsa dhaxxee galtullee hinuma utaalti. Farda yaabbachuu jaalatti.Yo gulfsiisuu feetu ammoo diida lafa dhaloota isii, fardaan keessa garmaamaa baate Boqojjii,biyya atileetoota teenna nuu horte geeffatti.

“Diqqeennanauu fiigichaa fi farda garmaasuu nan jaaladha.Ani warra kootiifis yoon ergamu fiigaa,mana barnootas deemu nan fiigaa kanumaan jalqabe.Namni naa fakkeena tahee calqabe hin jiru gaa waaqayyotuma biddeena keeti jedhee na calqabse fakkaata,” jetti yoo waan fiigicha ufii dubbattu.

Daraartuu fi horteen isii fiigicha waan dhangihaniin fakkaatan.Atileeti Daraartuun diqqeennaan dorgommiitti seente.Metiri metirii 10,000 qofa irratti marroo sadii Olompikii moote. Barseloonaa bara 1992.Sidnii bara 2000, Edmenton 2001 fi eegii sunillee medaaliyaa hedduu moote warqii tuulatte.

Dubartii Afrikaa Olompikii moote ta qaraati, Daraartuu.Dubartii fiigicha karaa dheeraa Olompikii warqii lama moote ta qaraati. Rekordii Olompikii haaraa lama qabdi,Daraartuun.

Amma Finfinneetit hujii investiemntii hojjatti.Bara dorgommii isii hamtuu fi toltuullee taatu waan hedduu qaabatti.Bara 2004 dorgommii Afrikaa Kibbaa irratti Nelson Mandellaa isii dubbisuu f fulaa badhaasa itti kennan dhufe dhabe.Daraartuun gaafas miilii dhukkubee wallaanachuu hospitaala dhaxxee. Eegii suniiyyuu wal hin agarre.Sun waan guddoo gara na nyaataa keessaa tokko jetti.

Bara adoo fiigduu qopheen irraa buute.Bara tokko dorgommii biyya alaa deemtee saatii 24 diida xuyyuuraa keessa turte.

Daraartuu atileetota Oromoo Itoophiyaa addunyaa iratti badhaasanii atileetota hedduu fakkeenna taahn keessaa tokko.Daraartuu namii maqaa hedduun yaamee faarsa.

Namii maqaa jaalalaa hedduun si yaamaa ati eennu ufiin jettaa jennaan. Maquma warrii kiyyaa naa baasee fi warrii na jaalate naa baasa hinnuma fudhaa jetti.

Badhaasa dorgommii London irratti kennaniif
Badhaasa dorgommii London irratti kennaniif

​Yoo ammoo ati dorgommii seentu, ka yoo ati rekordi cabsitu,ykn ammoo yo ati mootee galtu adoo fiigduu iyyannaa fi gammachuu namaa dhageettaan jennaan "saatii sunitti gurraa namaan dhagahu hin qabu moohuu malee womaa natti hin mullatan."

Haatii Qananii nama ganna 45 haga gaafa gannii isii mana soddomaa keessa jiru cufa hinuma dorgomte.Amma dorgommii dhiisullee egerii maanguddoo waliin dorgomuuf kophee naqadhaa jetti.

Atileetota kahima ammoo maaniin gorsitaa jennaan, "yo atileetii jabduu taate nama gufachiisuu, karaa namatti cufuu fi waan hedduutti jiraa malaan fiiguu qabda.Karoora, kaayoo,obsa, fi wal gargaarsa qabaachuu qabda,” jetti.

Tana caalaa ammoo “kutannoo qabaattee jennaan eessaa hin geetta,”jetti gootii Barseloonaa,intaltii obboo Tulluu Gammachuu, atileetii Daraartuu Tulluu.

XS
SM
MD
LG