Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dawaa Farra HIV/AIDS Fudhachuu Gidduutti Dhaabun Rakkoo Fidaa Jira.


Adunyaa irratti Muddee Tokko guyyaa HIV/AIDS kan sadarkaa addunyaa jedhame kabajama. Ayyaanni inni baranaa Itiyoophiyaa keessatti manneen barnootaa sadarkaa olaanaa irratti qiyyaafate ture kan kabajame.

Mata-dureen ayyaana baranaa "Sochii tajaajiilawwan farra HIV/AIDS nama hunda waliin ga’uu fi mirga kabajuu" kan jedhu ta’uu kan ibsan, itti-aanaa hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa fi itti-gaafatamaa kutaa ittisaa fi to’annaa HIV/AIDS obbo Girmaa Asheenaafii Oromiyaattis magaala Amboo keessa ka jiru Yunivarsitii Amboo keessatti kabajamuu isaa dubbatan.

Dhukkuba kana ilaalchisee tooftaa to’annaa fi ittisaa jiru irratti hubannoo barattoonni qaban daran jajjabeessutti kan fuuleeffate ayyaanni baranaa hawaasnii hubannoo qabu akka daran guddifatu gochuuf mariin hawaasa waliin gaggeefamu yeroo yerootti itti fufuu isaa ibsan, Obbo Girmaan.

Oromiyaa keessatti lakkofsi namoota dawaa farra HIV/AIDS fudhatanii ka dabalaa jiru tahuu isaa, garuu kanneen dawaa kana fudhachuu eegalan addaan kutuun ykn fidhachu dhaabuun ka rakkoo fidaa jiru tahuu ibsan.

MP3 tuquun guutuummaa qophii isaa dhaggeefadhaa

XS
SM
MD
LG