Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarsa Umuriin Gara Saddeettamaa  ABO Jedhamuun Hidhaman Irratti Ragaan Dhabame Iyyuu Poolisiin Ajaja Abbaa-murtii Diduun Akkuma Hidhee Kaa’eetti Jira


 Obbo Dhaqqaboo Waariyoo, maanguddoo umurii gara saddeettamaa baatiilee afuriif,  mana-hidhaa Waalta Qorannaa Yakkaa Itiyoophiyaa , ka Maa’ikalaawii jedhamuun beekamutti hidhamanii fi himannaan shororkeessumma irratti dhihaatee
Obbo Dhaqqaboo Waariyoo, maanguddoo umurii gara saddeettamaa baatiilee afuriif,  mana-hidhaa Waalta Qorannaa Yakkaa Itiyoophiyaa , ka Maa’ikalaawii jedhamuun beekamutti hidhamanii fi himannaan shororkeessumma irratti dhihaatee

Magaalaa Shaadhemannee irraa – Jaarsi umuriin gara saddeettamaa – Obbo Dhaqqaboo Waariyoo eega baatiilee afuriif, mana-hidhaa Waalta Qorannaa Yakkaa Itiyoophiyaa , ka Maa’ikalaawii jedhamuun beekamutti hidhamanii fi himannaan shororkeessumma irratti dhihaatee booda, ragaan dhabamuu irraa kan ka’e akka wabiin gad-lakkisaman manni-murtii murteesse iyyuu, poolsiin gad-lakkisuu dide – jedhu maatii fi abukaatoon isaanii. Abbaa-murtiitti deebi’anii iyyata dhiheeffatan illee, “takkaa wabiin gad-lakkisaman murteessinee, galmee isaa cufeen jira.” – jechuudhaan, akka poolisii maanguddicha gad-lakkisuu dide gaafachuu dhiise ta’uu illee dubbatanii jiran. Obbo Dhaqqabaan miseensa ABO ti jedhamuuun himannaan shororkeessummaa irratti dhihaate iyyuu ragaan kana mirkaneessu tokko illee hin argamne, jedhan.

Kana caqasuun qophii guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG