Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhagna Qabaan Dubartoota Irratti Raawwatu Calliinsaan Hin Ilaalamu


Dhagna qabaa ykn kittaanaan Ijoollee durbaa fi dubartoota irratti raawwatu waggoota kumaan laka’amaniif kan ture. Dhiibbaa inni fayyummaa fi yaada sammuu durbaa fi dubartoota irratti qabaatu jiraatu iyyuu shaakalli kun itti fufee tureera.

Jarmaayaan fayyaa addunyaa akka gabaasetti addunyaa irraa durbootaa fi dubartoota miliyoona 140 ta’antu dhiibbaa kittaanaan fideen dararamaa jiran. Shkaalli akkasii biyyootaii afriikaa keessatti waan baratame si’a ta’u biyyootii Asia fi giddu galeessa bahaa haga tokko keessattis ka beekamuu dha.

Akka gabaasa WHOtti Afriikaa keessaa ijoolleen durbaa umuriin waggaa 10f isaa olii miliyoonni 92 kan kittaanaman si’a ta’u waggaa waggaatti kanneen miliyoona sadii t’aantu kittaanamu.

Jaarmayaa fayya addunyaatti hayyuun waa’ee aadaa safuu namaa Elise Johansen VOAf ibsa kennaniin biyyoota hedduu keessatti lakkoobsi dubartoota kittaanamanii gad xiqqaatee jira, garuu hatattamaan hojii irra hin oolle jedhan.

Gabaasa guutuu mp3 tuquun dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG