Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hawaasi Somaaliyaa kanneen Minnesota keessaa Dhibee Gifiraatu Isaan Mudate


Amira Hassan, of Burnsville, Minnesota, plays in the waiting room at the specialty clinic at Children's Minnesota in Minneapolis, Minnesota, May 2, 2017.
Amira Hassan, of Burnsville, Minnesota, plays in the waiting room at the specialty clinic at Children's Minnesota in Minneapolis, Minnesota, May 2, 2017.

Kutaa US Minnesota keessatti dhibeen gifiraa ka’uun koolu galtoonni Somaaliyaa irraa dhufan tallaalii isaa akka hin fudhatin ifa baasee jira.

Ministriin eegumsa fayyaa kan kutaa MN akka jedhetti erga Caamsaa 16 qabee kutaa sana guutummaa keessaa namoota 63 kanneen dhibee kanaan qabaman jiraachuutu gabaasame.

Kanneen keessaa 53 lammiiwwan Somaaliyaa ti. Akka gabaasa sanaati namoonni kun tallaalii akka hin fudhatintu ibsame. Kanneen 60 ta’an talaalii kan hin fudhanne ta’uun beekamee jira.

Anagawoonni eegumsa fayyaa talaalii fudhachuun ijoollee dhukkuba autism jedhamuuf saaxila hamee jedhu balaaleffatanii jiran.

Kutaa eegumsa fayyaatti direkterri dhimma dhukkubootaa Kris Ehresmann akka jedhanitti gareeleen farra talaalii hawaasa kana irratti fuuleffatan jedhan.

XS
SM
MD
LG