Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiittaa Mirga Dhala Namaa Qorachuuf Danqamaa Jirra


Itiyoophiyaa keessatti seerri waggootii dhiyeenya kanaa keessa hojii irra oolan lamaan, qorannaa dhaabbattonni mirga dhala namaaf falman gaggeessan ugguruu isaa Amnestii Iternaashnaal yunaaytiid Steetes irraa Eloonaa Keelii hawaasa oromoo naannoo Waashington Diisii fi naannoo ishee jiraatuuf Ebla 28 bara 2012 ibsanii jiran.

Sababaa miseensoota paartilee mormituu kan Oromoo jedhuun, waggootii dhiyeenya kana keessa hedduminaan kan hidhaman Oromoota ta’uu fi barattonni keessatti kan argaman ta’uu ibsanii jiran.

Keessumaa serri farra shoroorkessuummaa jechuun ba’e mormitonni Gazexxeesonni namni mootummaa mormu kam iyyuu akka afaan qabatu kan taasisee fi hidhaa waggaa 10 hanga 20 ga’uun kan adabu ta’uu Keliin ibsanii jiran.

Walgahii kana irratti waraqaa qorannoo ka biraa kan dhiyesse barataa Digrii olaanaa yunivarsitii Joorj Meeson akkasumas dhaabbata Indiipeendant Institut jedhamuuf waa’ee mirga dhala namaa irratti kan hojjatu dargaggoo Haabtaamuu Dhugoo bifa adda addaan dhiittaa mirga dhala namaa oromiyaa keessatti akka gaggeeffamu ibse.

Kunis seera adda addaa baasuun, uummata qe’ee ofii irraa godaansisuun lafa isaa investeroota alaaf kennuun, gosootaa fi amantii adda addaa gidduutti walitti bu’iinsa uumuun akkasumas aadaa fi afaan saba tokkoo akka hin guddanne toftaan kan irratti hojjatamu ta’uu ibsameera.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG