Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkuba Busaa fi Dhukkuboota Raammoo Adda Addaan Dhufan Dhabamsiisuu Qabna


Addunyaa irratti lakkobsa namoota dhukkuba Busaan qabamanii fi du’anii gad cabsuun kan danda’ame ta’uu kan ibsee jaarmayaan fayyaa addunyaa foyya’insi argamaa jiru garuu raafamaa ta’uu hubachise.Dhukkuba Busaa addunyaa irraa kan ilaaleen Gabaasaa waggaa dhiyaateen waggootii darban 12 keessatti harka 25n gad cabuu hubachiise.

Akka hamaatti dhukkuba Busaan kan miidhaman Afrikaa keessatti harka 33 gad bu’uu isaa ibsameera.Bara 2010 keessa biyyoota Busaan rakkatan 106 keessatti namni miliyoona 200 fi miliyoonni 16 dhukkuba Busaan qabamuu jaarmayaan fayyaa adddunyaa tilmaamee jira.

Kanneen dhukkuba kanaan qabaman ykn du’an harka caalaan Afrikaa keessatti argamu. kanneen addunyaa irratti dhukkuba Busaan qabaman keessaa harka 85 kan ta’an ijoollee umriin isaanii 5ni gadii ta’uun beekameera.

Gama kaaniin dhukkuba raammoo adda addaa kan akka hookworm ringworm fi kanneen fafakkaataniin dhukkuba dhufu qulqullina naannoo eeguun hambisuun kan danda’amu ta’uu qorannaan haaraa gaggeeffame beeksisee jira.

Mana fincaanii gargaaramuun rakkoo kana walakkaatti kan gad cabsu ta’uu qorattonni ibsanii jiran.Dhukkubonni Raammoo adda addaan dhufan kun biyyoota hiyyeyyi keessatti caalaatti dhukkuba kan fidan ta’uun ibsameera.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG