Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkuba Gifiraa fi Kutaa Minisootaa


Dhukkuba Gifiraa fi Kutaa Minisootaa
Dhukkuba Gifiraa fi Kutaa Minisootaa

Kutaa Yunaaytid Isteetes Miniisootaa keessatti dhukkubii Gifiraa ykn shifeen mudate caalaatti hawaasa Somaalee giddutti ta’u gabaasaaleen ibsanii jiran.Kunis tallaalii farra Gifiraa ykn shifee ijoolleen akka hin talaalamneef maatiin waan ittisaniif ta’uun ibsamee jira.

Ministriin eegumsa fayyaa kan kutaa Minisootaa akka jedhetti erga Caamsaa 16 qabee kutaa sana guutummaa keessaa namoota 68 kanneen dhibee kanaan qabaman jiraachuutu gabaase.Kanneen keessaa 58 lammiiwwan Somaaliyaa ti. Akka gabaasa sanaati namoonni kun tallaalii akka hin fudhannetu ibsame.

Anagawoonni eegumsa fayyaa akka jedhanti talaalii kana fudhachuun ijoollee dhukkuba Otism (Autism) jedhamuuf saaxila jechuun maatiin talaalsisuu didan.Kutaa eegumsa fayyaatti daarekterri dhimma dhukkubootaa Kris Ehresmann akka jedhanitti gareeleen farra talaalii hawaasa kana irratti fuuleffatan jedhan.

Kana irratti Dr. Obsaa Hasan Hospitaala Marsii irraa ibsa nuu kennanii qabu.

Dhukkuba Gifiraa fi Kutaa Minisootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:44 0:00

XS
SM
MD
LG