Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkuba ilaalcha Ga’aa Hin Argatiin Hafe


Dhukkubii milla dhiitessu ykn kan Afaan Ingliziin Elephantiasis jedhamu Itiyoophiyaa keessatti dhukkuba ilaalcha ga’aa hin argatiin jiru, jedhu Ogessonni.

Garuu namoota hedduu biratti dhukkuba ta’uu bira taree, hawaasa keessatti moggaatti qabamuu gessisaa jira. Dhukkuba kana ilaalchisee, Dr Daggafaa Abdiisaa dhukkubi kun karaa sadi'iin akka uumamu ibsan.

Tokkoffaa karaa biimbii ykn biinnii dhiiga nama dhukkbsatee xuxxee nama biraa yeroo ciniintu, raammoo Flaariyaasis jedhamu itti daddabarsuun. Lammafaan albuudaan biyyoo keessa jiru Silikeet jedhamu, namni kophee hin qabne yeroo irra deemu, karaa faana miillaa ol xuuxamee qaama namaa seenuun dhukkuba kana fida.
Sadaffaan, namni yeroo dhalatu hir’ina wanneen dhukkuba kana ittisuu danda’anii yoo qabaate ta’uu Dr Daggafaan ibsanii jiru.

Dhukkuba Toonnoo kan milla dhiitessu kan baroota dheeraa qabee beekamu kana ittisuuf, Itiyoophiyaa keessatti hojii quubsaan hin hojjatamne, kan jedhan Dr. Daggafaan, Jarmayaan Fayyaa Addunyaa ykn WHO duula labsee dawaa barbaachisu eega dhiyessee ka bubbule tahuu dubbatu.

MP3 tuquun gutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG