Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ragaan Dhiyaate Rakkoo Teknikaa Qaba:Mana Murtii


Loogoo KFO
Loogoo KFO

Paartii Kongreesa Federaala Oromoof itti aanaa dura ta’aa kan ta’an Obbo Baqqalaa Garbaa irratti abbaan alangaa ragaadha jechuun Sii Dii(CD) waraabbii sagalee fi fakkii qabu kan dhiyeesse ta’uus rakkoo tekniikaa mudatee jechuun dhaggeefachuunis ta dawwachuun akka hin danda’amiin manni murtii beeksisee jira.

Galmee Obbo Gurmeessaa Ayyaanoo faa irratti himannaa shoroorkeessummaa kan dhiyeesse abbaan alangaa ragaa sii dii kana yeroo darbees dhiyeeffate rakkoo akka qabuu fi dhaggeeffachuun akka hin danda’amiin ibsamee ture.

Siidiin kunis obbo Baqqalaa Garbaa Televiziyoona Oromoo Miidiyaa Netwoork ykn OMN waliin gaaffii deebii gaggeessan ta’uun ibsamee jira.

Abukaatoo kan ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa kun beekaa namoota rakkisuuf gocha rawwatamee fi murtii haqaa hatattamaan argachuuf mirga heeraan kenname kan dhiibuu jechuun falman.Obbo Baqqalaa Garbaas iyyata wal fakkaataa dhiyeeffatanii turan.

Garu manni murtii bellama biroo Guraanadhala 22 bara 2009 tti kennee jira.

XS
SM
MD
LG